23.Isheen maqoota isiniifi abbootiin keessan odoo Rabbiin ragaa isheef hin buusin moggaaftani malee homaa mitiSe’aafi waan lubbuun isaanii feetu qofa hordofuDhugumaan qajeelfamni Rabbii isaanii irraa isaanitti dhufee jira
26.Maleeykota irraa, warra erga Rabbiin nama fedhuuf hayyamee, jaallate malee manguddummaan isaanii homaa hin fayyadne baay’eetu samii keessa jiru
28.Isa irratti beekumsa homaatuu hin qabanShakkii malee homaa hin hordofanuShakkiin immoo dhugaa irraa homaa hin duroomsu
30.Kun beekumsa irraa daangaa isaaniitiDhugumatti, Rabbiin kee Isumatu nama karaa Isaa irraa jallate akkaan beekaadhaInni nama qajeeles akkaan beekaadha
31.Wanti samii keessa jiruufi wanti dachii keessa jirus kan RabbiitiIsaan hamtuu dalagan waan isaan dalaganiin isaaniif mindeessuufi isaan toltuu hojjatanis ishee caaltuu taate isaan mindeessuuf (uume)
32.Isaan sun warra dogoggora xixiqqoo malee dilii gugurdoofi sagaagalummaa irraa fagaataniidhaDhugumatti, Gooftaan kee araaramni Isaa bal’aadhaInni yeroo dachii irraa isin uumeefi yeroo isin garaa haadha keessanii keessatti ulfa taatanii jirtan akkaan isin beekaLubbuu keessan hin qulqulleessinaaInni nama (Isa) sodaatu akkaan beekaadha
52.Ummata Nuuhis sana dura (balleesse)Isaan isaanumatu akkaan miidhaa raawwattootaafi daangaa darbitoota turan