4.Uumama keessaniifi lubbu qabeeyyii irraa waan Inni (Rabbiin dachii keessa) facaasu keessas namoota dhugaan amananiif raajiiwwantu jiru
5.Wal dhabuu halkanii, guyyaatiifi rooba irraa waan Rabbiin duumeessa irraa buusee, dachii eega goggogina isheetii ittiin magarseefi qilleensa gara gaggalchuu keessa warra xinxalaniif mallattooleen taatuudha
6.(Yaa Muhammad!) Kunniin keeyyattoota Rabbiitii, dhugaan sirratti dubbifnaSila erga Rabbiifi keeyyattoota Isaatii oduu akkamii amanu
8.Keeyyattoota Rabbii kan isa irratti dubbifaman dhaga’aa; ergasii akka waan ishee hin dhaga’iniitti boona isaa itti fufaadabbii laalessaan isa gammachiisi
9.Yeroo keeyyattoota keenya irraa waa beeke qishina (qoosaa) ishee godhataWarra san adabbii xiqqeessaa ta’etu isaaniif jira
10.Fuuldura isaanii jahannamtu jiraWanti isaan horatanis ta’ee wanti isaan Rabbiin ala jaalallee godhatanis homaa isaan irraa hin deebisanuIsaaniif adabbii guddaatu jira
11.(Qur’aanni) kun qajeelfamaIsaan keeyyattoota Gooftaa isaaniitti kafaran, qooda adabbii laalessaa irraa ta’etu isaaniif jira
12.Rabbiin Isa galaana, akka dooniwwan ajaja Isaatiin isa keessa deeman, akka tola Isaa irraa kajeeltaniifi akka Isa galateeffattaniif jecha isiniif laaffise sani
13.Waan samii keessa jiruufi waan dachii keessa jiru hunda (laaffisuu) Isa irraa ta’e isiniif laaffiseDhugumatti, kana keessa ummattoota xiinxalaniif mallattooleetu jira
14.(Yaa Muhammad!) Warra amananiin, “warra guyyoota Rabbii hin sodaanneef dhiifama godhaa” jedhiAkka Inni namootaaf waan isaan dalaganiin mindaa kennuuf (dhiifama godhaa)
15.Namni toltuu hojjate lubbuma isaatiifiNamni badii dalages isheedhuma irrattiErgasii gara Gooftaa keessanii deebifamtu
16.Dhugumatti, ilmaan Israa’iliif kitaaba, hubannoo seera isaatiifi nabiyyummaas kennineerraWantoota gaggaarii irraas isaaniif kenninee, aalama (yeroo isaanii) hunda irras isaan caalchifne
17.Shari’aa irraas waan ifa ta’e isaaniif kannineErga beekumsi isaanitti dhufee booda, jibbansa gidduu isaanii jiruuf malee (waan birootiif) wal hin dhabneDhugumatti, Gooftaan kee waan isaan isa keessatti wal dhabaa turan keessatti Guyyaa Qiyaamaa gidduu isaanitti murteessa
18.Ergasii karaa ajaja (keenya) irraa ta’e irra si keenyee, ishee hordofiFedha lubbuu warra homaa hin beeknee hin hordofin
19.Isaan homaa (adabbii) Rabbii irraa si hin duroomsanMiidhaa hojjattoonni gariin isaanii jaalallee gariitiRabbiin immoo jaalallee warra Isa sodaataniiti
21.Sila warri hamtuu hojjatan, jiraa isaaniitiifi du’aa isaaniitis akka warra amananii toltuu hojjatanii gochuu keenya yaadanii? Wanti isaan murteessan waa fokkate
23.Sila nama gabbaramaa isaa fedhii isaa godhate, kan Rabbiin beekumsaan isa jallisee, dhageettii isaatiifi onnee isaa irratti cufee, ija isaa irrattis haguuggaa godhe mee naaf himi? Erga Rabbiin (jallisee) booda eenyutu isa qajeelcha? Sila hin gorfamtanuu
24.“Jireenya keenya kan addunyaa malee isheen (jiruun biraa) hin jirtu; ni duuna; (gariin keenyas) ni jiraanna; yeroo malee wanti nu balleessu hin jiru” jedhanWaan kanatti beekumsa homaatuu hin qabanuIsaan se’oo malee hin taane
25.Yeroo keeyyattoonni keenya ifa ba’anii isaan irratti dubbifamanis, ragaan isaanii “yoo kan dhugaa dubbattan taataniif abbootii keenya fidaa” jechuu malee hin taane
26.(Yaa Muhammad!) Jedhi: “Rabbumatu isin jiraachisee, ergasii isin ajjeesa; ergasii Guyyaa Qiyaamaa keessatti walitti isin qabaIsa keessa mamiin hin jiruGaruu irra hedduun namaa hin beekanu.”
27.Mootummaan samiifi dachii kan RabbiitiGuyyaa Qiyaaman dhaabbattus, guyyaa san warri dharaa ni hoonga’u
28.(Guyyaa san) ummata hunda jilbiiffatanii argitaUmmanni hunduu gara kitaaba isheetti waamamti“Har’a waan dalagaa turtan mindeeffamtu” (isaaniin jedhama)
29.Kun kitaaba keenya kan isin irratti dhugaan dubbatuudhaDhugumatti, Nuti waan isin dalagaa turtan galmeessuu turre
30.Isaan amananii, toltuu dalagan immoo Gooftaan isaanii rahmata Isaa keessa isaan seensisaKun isumatu milkii ifa galaadha
31.Isaan kafaran immoo “sila keeyyatoonni Kiyya isin irratti dubbifamaa turtee, boontanii, ummata badoo hin turree?” (jedhamaan)
32.Yeroo “waadaan Rabbii dhugaadha; Qiyaamaan akka dhuftu mamiin ishee keessa hin jiru” jedhame, “Qiyaamaan maal akka taate hin beeknu; mamii malee yaada (ishee) hin qabnuNuti dhugoomsoo hin taane” jettan
34.Ni jedhamaani: “Har’a akkuma isin qunnamtii guyyaa keessan kanaa dagattan (Nutis) isin daganna (isin dhiifna); teessoon keessanis ibidda; tumsitoonnis isiniif hin jiranu.”
35.Kun waan isin keeyyattoota Rabbii qishnaa (qoosaa) taasiiftaniifi waan jiruun addunyaa isin gowwoomsiteefiHar’a ishee (ibidda) irraa hin baafamanu; isaan ceephoos hin buufachiifamanu