9.Odoo samiifi dachii eenyutu uume jettee isaan gaafattee “Isa injifataa beekaa ta’etu isaan uume” jedhu
10.(Rabbiin) Isa dachii afaa isiniif godhee, ishee keessattis akka qajeeltaniif karaalee isiniif godhe
11.Ammas (Rabbiin) Isa samii irraa bishaan madaalaan buusee, ergasii ittiin dachii duutuu jiraachifneAkkuma kana baafamtu
13.Akka dugda isaanii irratti baatanii, ergasii ni’imaa Gooftaa keessanii yeroo ol baatan yaadattanii “Inni kana nuuf laaffise qulqullaa’e; nuti isa danda’oo hin turre” jettaniif
17.Yeroo tokkoon isaanii waan “Rahmaaniif” fakkeenya taasiseen gammachiifame, dallansuun guutameeti fuulli isaa gurraacha ta’a
18.Nama faaya miidhaginaa keessatti guddifamu, kan falmii keessatti sirriitti ibsuus hin dandeenye (godhatee)
19.Maleeykota isaan gabroota Rahmaan ta’an dubara taasisanYeroo isaan uumaman bira jiran moo? Ragaan isaanii fuuldura barreeffameeti gaafatamus
20.“Odoo Rahmaan fedhee isaan hin gabbarru turre” jedhanIsaan ni kijibu malee sana irratti beekumsa homaatuu hin qaban
22.Lakkii! Isaan “nuti abboota keenya amantii wahii irratti argine, nutis faana isaanii irra qajeeloodha” jedhan
23.Akkasumas (Yaa Muhammad!) siin dura magaalaa kam keessattuu sodaachisaa erginee, qanani’oon ishee “Nuti abbootii keenya amantii wahii irratti argine; nuti faanuma isaanii irra hordoftoota” jedhan malee hin hafne
24.(Ergamichis) “odoo ani waan abbootii keessan irratti argitan irra qajeelaatiin isinitti dhufee jiruu (hordoftuu)?” jedhe(Mushrikoonnis) “nuti waan isin ittiin ergamtanitti kafaroodha” jedhan
26.Yeroo Ibraahiim abbaa isaatiifi ummata isaatiin jedhes [yaadadhu]:“Dhugumatti ani waan isin gabbartan irraa qulqulluudha
29.Dhugumatti, isaan kanaafi abbootii isaaniis hanga dhugaafi ergamaan ifa baasaan isaanitti dhufuttin qanansiise
32.Sila Rahmata Gooftaa keetii isaantu qoodaa? Nutu jiruu addunyaa keessatti waan ittiin jiraatan gidduu isaaniitti qoodeAkka gariin isaanii garii tajaajilaa godhatuuf jecha garii isaanii garii irra sadarkaan ol fuuneRahmata Gooftaa keetiitu waan isaan walitti qaban irra caala
33.Odoo namni (gara addunyaa jallachuun) ummata tokko ta’uu baatee, silaa namoota Rahmaanitti kafaraniif ijoo manneen isaaniitiifi sadarkaawwan ittiin ol ba’an meeta irraa taasifna turre
35.Faayaas (ni goonaaf)Kun hunduu qananii jiruu addunyaa qofaAakhiraan Gooftaa kee biratti warra Rabbiin sodaataniifi
38.Yeroo Nutti dhufe “yaa gaabbii kiyya! Odoo gidduu kiyyaafi gidduu kee fageenyi baha lamaanii (bahaafi dhihaa) jiraatee” jedhaHiriyichi waa fokkate
39.Har’a ibidda keessatti waliin jiraachuun keessan waan lubbuu keessan miitaniif homaa isin hin fayyadu
45.Ergamtoota keenya irraa nama si dura ergine “Sila Rahmaan malee gooftolii gabbaraman taasifnee jirraa?”gaafadhu
46.Dhugumatti, Muusaa raajiiwwan keenyaan gara Fir’awniifi qoondaaltota isaatti erginee, “ani ergamaa Gooftaa aalama hundaati” jedhe
48.Raajii irraa ishee obboleettii ishee irra caaltu malee isaan hin agarsiifnuAkka isaan (gara keenya) deebi’aniif adabaanis isaan qabne
49.“Ati yaa kan sihrii hojjattu! Gooftaa kee waan waadaa siif galeen nuuf kadhuDhugumatti, nuti ni qajeella” jedhan
51.Fir’awnis ummata isaa keessatti lallabee, “yaa ummata kiyya! sila mootummaan Misraa anaaf hin turree? Laggeen kunis ana jala hin yaa’anii? Sila hin agartanuu?” jedhe
53.Yoo akkas ta’e maaliif gumeewwan warqee (dahaba) irraa hojjataman isa irratti hin buufamne? Yookiin maleykonni isa wajjin ta’anii maaliif hin dhufne?” (jedhe)
58.“Gooftolee keenya moo isatu caala?” jedhanWaan kana falmiif malee siif hin godhanuDhugumatti, isaan ummata mormitoota
59.Dhugumatti, Inni (Iisaan) gabricha Nuti isa irratti tola oollee, Ilmaan Israa’iliif fakkeenya isa taasifne malee waan biraa miti
63.Iisaan yeroo ragaalee ifa ta’aniin dhufe, ni jedhe: “Dhugumatti, ani beekumsaanin isinitti dhufe; ammaas akkan garii waan isin keessatti wal dhabdanii isiniif ibsuufin (dhufe.) Rabbiin sodaa dhaa; anaafis ajajamaa
65.Gareewwan gidduu isaaniitti (dhimma kana irratti) wal dhabaniiruIsaan miidhaa dalaganiif adabbii guyyaa laalessaatu jira
71.Qoriiwwan warqee irraa ta’aniifi kubbaayyaan isaan irra naanna’amaIshee keessas waan lubbuun feetuufi ijji itti gammaddutu jiraIsin ishee (jannata) keessatti hafoodha” (jedhamaani)
77.(Waardiyaa ibiddaatiin) “yaa Maalik! Gooftaan kee akka du’a nutti murteessu (nuuf gaafadhuu)” lallabu(Maalikis) “isin ishee keessa turoodha” jedhe
80.Nuti iccitii isaaniitiifi maqoo isaanii hin dhageenyuu yaadanii? Lakkisaa! (ni dhageenya); ergamtoonni keenyas isaan biraa barreessaa jiru
81.(Yaa Muhammad!) jedhi: “odoo Rahmaaniif ilmi jiraatee, silaa anatu jalqaba warra (isa) gabbaraniiti.”
82.Rabbiin samiifi dachii kan Gooftaa arshii ta’e waan isaan ittiin (Isa) wassafan (ibsan) irraa qulqullaa’eera
83.Hanga guyyaa isaanii, isa waadaa galaman qunnamanitti (dhara keessa) seenanii haa taphatanii isaan dhiisi
85.Inni mootummaan samii, dachiifi waan isaan lamaan gidduu kan Isaa ta’e, kan beekumsi Qiyaamaas Isa bira jiru, kan gara Isaatti deebifamtan sun toltuun isaa baay’ate
86.Warri Rabbii gaditti waammatan, namoota dhugaa beekanii ragaa bahaniif malee, manguddummaa seenuu hin danda’anu
88.Jechi inni (nabi Muhammad SAW!) “yaa Gooftaa kiyya! Dhugumatti, isaan kun ummata hin amanne” jedhe (sunis Allaah bira jira)
89.(Yaa Muhammad!) isaan irraa gara galii “nagaan (isin irra haa jiraatu)” jedhiin; (waan isaan mudatu) fuula dura beekuuf jiru