6.Ummata abbootiin isaanii hin akeekkachiifamin, kan dagatoo turan akka ittiin akeekkachiiftuuf (buufame)
8.Nuti morma isaanii irratti takaallaa goone; isheen hanga lafee areedaatti (geessi)Kanaafuu isaan (mataa) ol fudhamoodha
11.Kan ati akeekkachiiftu nama gorsa hordofee Rahmaaniinis fagootti sodaate qofaAraaramaafi mindaa gaariin isa gammachiisi
12.Nuti numatu du’aa jiraachifnaWaan isaan hojjatanii dabarsaniifi hambaalee isaanii ni barreessinaWaan hundayyuu kitaaba ifa bahaa keessatti galmeessinee jirra
14.Yeroo Nuti (ergamoota) lama gara isaaniitti erginee, isaan lamaanuu sobsiisanii, ergasii sadaffaadhaan (isaan) jajjabeessinee, “nuti gara keessanitti ergamoodha” jedhan (fakkeenya godhiif)
15.Isaanis “isin namuma akka keenyaati malee waan biraa mitiRabbiinis homa tokkoyyuu hin buufne; isinis kan sobdan malee waan biraa hin taane” jedhan
18.(Ummannis) “Nuti isiniin hooddanne (milkii ilaallanne) yoo (waamicha keessan irraa) hin dhorgamin, dhagaan isin tumnaAdabbiin laalessaa ta’es nurraa isin tuqa” jedhan
19.“Hooddannaan (milkii ilaallachuun) keessan isinumaa wajjin” jedhaniSila yoo gorfamtanis (ni hooddattuu)? Akkasii mitiIsinumatu ummata daangaa dabritoota” jedhan
20.Kutaa fagoo magaalattii irraa namichi tokko fiigaa dhufee ni jedhe: “yaa ummata kiyya! Ergamtoota hordofaa
23.Sila ani Isaa gadittiin gabbaramtoota biraa kan Yoo Rahmaan miidhaa wahiitiin na fedhe jaarsummaan isaanii homaa ana hin fayyadneefi isaaniis ana hin baraarsinen taasifadhaa
30.Yaa gaabbii gabroota kiyyaa! Ergamaan kamillee isaanitti dhufee isatti qishinan (baacan) malee hin hafanu
31.Sila isaan dura ummata irraa meeqaatama akka balleessine hin arginee? Isaan gara isaaniitti hin deebi’anuu (hin arginee)
33.Dachii duutuun Nuti ishee jiraachifneefi firii (adda addaa) ishee irraa baafnee isa irraa nyaatan isaaniif mallattoodha
34.Ishee keessatti oyruu muka timirootaafi inabootaa irraa ta’e taasifneerraIshee keessaa burqaalee irraas maddisiifnee jirra
35.Fuduraa isaatiifi waan harki isaanii hojjatte irraa akka nyaataniif (kana goone)Sila hin galateeffatanuu
36.Inni waan dachiin biqilchitu irraa, lubbuu isaanii irraafi wantoota isaan hin beekne irraa cimdii hunda uume qulqullaa’eera
43.Odoo feenee bishaaniin isaan dhidhimsina turreBirmataan tokkos isaaniif hin jiruIsaan hin baraarfamanus
44.Rahmata nurraa ta’eef hanga yeroo (muraasaa) akka qanani’aniif (dhiifne) malee (ni dhidhimsina turre)
45.Yeroo “akka rahmanni isiniif godhamuuf waan fuuldura keessaniifi duuba keessan jiru sodaadhaa” isaanin jadhame (irraa gara galu)
46.Mallattoolee Rabbii irraa mallattoon tokko isaanitti dhuftee ishee irraa gara galan malee hin hafan
47.Yeroo “waan Rabbiin isiniif kenne irraa kennadhaa” isaaniin jadhame, warri kafaran warra amananiin “sila nama Rabbiin odoo fedhee isa nyaachisu nyaachifnaa? Isin jallina ifa ta’e keessa malee hin jirtanu” jedhu
52.“Yaa badii keenya! Hirriiba keenya irraa eenyutu nu dammaqse? Kun waan Rahmaan waadaa nuuf gale; ergamtoonnis dhugaa dubbatan” jedhan
54.“Har’a lubbuun kamillee homaa hin miidhamtuWaan dalagaa turtan malee hin mindeeffamtanu” isaaniin jedhama
60.“Yaa ilmaan Aadam! Sheyxaana hin gabbarinaa; inni isiniif diina ifa ba’aadha” jechuun waadaa gara keessanitti hin dabarsinee
65.Har’a afaan isaanii ni cufna; harki isaanii Nutti dubbatti; miilli isaaniis waan isaan hojjataa turan ragaa baati
67.Odoo feenee iddoowwan isaanii irratti gara uumama biraatti isaan jijjiirras turreIsaan duratti deemuus ta’ee duubatti deebi’uu hin danda’anu
69.Nuti isa (Nabiyyii) walaloo hin barsiifne; isaafis hin maluInni yaadannoofi Qur’aana ifa galaa malee waan biraa miti
70.Akka inni nama jiraa ta’e akeekkachiisuufi kaafiroota irratti jechi (adabbii) mirkanaa’uuf (isa buufne)
71.Sila waan harki keenya dalagde irraa beyladoota isaaniif uumnee isaan ishee horatoo ta’an hin ilaallee
77.Sila namni akka Nuti bishaan saalaa irraa isa uumne hin arginee? Yeroo san inni mormaa ifa ba’aa ta’ee argama
78.Fakkeenya Nuuf godheeti, uumama isaa dagatee “erga isheen bututtee lafee eenyutu jiraachisa?” jedhe
81.Sila Inni samiifi dachii uume fakkaataa isaanii uumuu irratti danda’aa mitii? Eeyyeen (danda’aa dha!)Inni akkaan uumaa, beekaadha