3.Sila “(Muhammadtu) of irraa isa uume” jedhuu? Akkasii mitiDhugumatti, inni dhugaa Rabbii kee irraa ta’ee, ummata siin duratti dinniinaan itti hin dhufin akka dinniintuuf jecha (siif buufame)
4.Allaahn isa samii, dachiifi waan gidduu isaan lamaanii jiran hunda guyyoota jaha keessatti uumee sana booda Arshii irratti (ol ta’iinsa isaan malu) ol ta’eedhaIsaa gaditti gargaaraafi araarsaan tokkollee isiniif hin jiruSila hin gorfamtanuu
5.Inni wantoota hunda samii irraa gara dachiitti gara gaggalcha (qindeessa)Sana booda guyyaa dheerinni isaa waan isin lakkooftan irraa waggaa kuma ta’e keessatti gara isaa ol koru
9.Sana booda isa walqixxeessee ruuhii [uumaa] isaa irraa ta’e isa keessatti afuufeDhageettii, argaafi Onnees isiniif taasiseXiqquma galateeffattu
10.“Sila yeroo (duunee) dachii keessa fagaanne nuti uumama haaraa keessatti taanaa?” jedhanDhugumatti, isaan qunnamtii Rabbii isaaniitti kafaroodha
11.“Maleykaa du’aa isa isin irratti ramadametu isin ajjeesaSana booda gara gooftaa keessanii deebifamtu” jedhiin
12.Yeroo yakkamtoonni Rabbii isaanii biratti mataa isaanii gadi buusanii “yaa Gooftaa keenya! Arginee, dhageenyee, nuti dhugoomsoodhaa, hojii gaarii hojjannaa (addunyaatti) nu deebisi” jedhan san odoo argitee [dubbii cimaa argita turte]
13.Odoo feenee lubbuu hundaa qajeeluma ishee isheedhaaf kennina turreGaruu jecha “jinnootaafi namoota walitti qabaman irraa jahannam nan guuta” jedhutu Ana irraa haqa ta’ee jira
14.“Waan qunnamtii guyyaa keessan kanaa dagattaniif (adabbii) dhandhamaaNutis (adabbii keessatti) isin dhiifna; waan dalagaa turtaniifis adabbii yeroo hundaa dhandhamaa” (jedhamu)
15.Keeyyattoota keenyatti warra yeroo isheedhaan gorfaman kan hin boonne ta’anii sujuuda bu’anii, Rabbii isaanii faarsan malee kan amanu hin jiru
16.Cinaachi isaaniis ciisicha irraa ni fagaattiSodaataafi kajeelaa Goftaa isaanii ni kadhatuWaan isaaniif kennine irraas ni sadaqatu
17.Mindaa waan isaan hojjataa turaniif jecha, gammachuu ijaa irraa waan isaaniif dhokfame lubbuun tokkoyyuu hin beektu
19.Warri amananii gaggaarii hojjatan waan isaan hojjataa turaniif jecha, qophii ta’ee jannata qobsumaatu isaaniif jira
20.Isaan fincilan immoo teessoon isaanii ibiddaDhawaatuma ishee irraa ba’uu fedhaniin ishee keessatti deebifamu“Adaba ibiddaa kan isa sobsiisaa turtan dhandhamaa” isaaniin jedhama
21.Dhugumatti, Nuti akka isaan (gara iimaanaatti) debi’aniif jecha adabbii guddaa dura, adabbii xiqqaa (kan addunyaa) isaan dhamdhamsiifna
22.Nama keeyyattoota Gooftaa isaatiin gorfamee sana booda ishee irraa duubatti deebi’e caalaa namni miidhaa dalage hin jiruDhugumatti, Nuti yakkamtoota irraa haaloo bahatoodha
23.Dhugumatti, Muusaaf kitaaba kennineerraIsaan wal qunnamuu irraa shakkii keessa hin ta’inIlmaan Israa’iiliifis qajeeluma isa taasifne
24.Yeroma isaan obsaniifi keeyyattoota keenya dhugoomsan, isaan irraa imaamota ajaja keenyaan qajeelchan taasifne
25.Dhugumatti, Gooftaan kee isumatu Guyyaa Qiyaamaa wantoota isaan isa keessatti wal dhabaa turan keessatti gidduu isaaniitti murteessa
26.Sila akka Nuti isaaniin duratti dhaloota baay’ee irraa balleessine gandoota isaanii keessa kan deeman ta’anii ifa isaaniif hin taanee? Dhugumatti, sana keessa mallattooleetu jiraSila hin dhagahanuu
27.Sila akka nuti bishaan gara dachii gogaa oofnee biqiloota horiin isaaniitiifi ofii isaaniitii irraa nyaatan ittiin biqilchinu hin ilaallee? Sila hin arganuu