الأعلى
غالي آبابور آباغونا · Afaan Oromoo
١.
Maqaa Gooftaa kee olaanaa ta'ee qulqulleessi
٢.
Isa (waan hunda) uumee guute
٣.
Isa murteessee qajeelche
٤.
Isa marga baase
٥.
Goggogaa gurraacha isa taasise
٦.
Si qaraasisuuf jirraa hin dagattu
٧.
Waan Rabbiin fedhe maleeInni mul’ataafi dhokataas ni beeka
٨.
Nuti karaa laaftuu taateef si laaffifna
٩.
Yoo yaadachiisni kan fayyadu ta’e yaadachiisi
١٠.
Namni Rabbiin sodaatu gorfamuuf jira
١١.
Hoonga'aan ishee irraa fagaata
١٢.
Inni ibidda guddoo seenu
١٣.
Ergasii ishee keessatti hin du'u; hin jiraatus
١٤.
Dhugumatti, namni of qulqulleeffate milkaa’e
١٥.
Maqaa Gooftaa isaa dubbatee kan salaate
١٦.
Inumaa isin jiruu addunyaa filattu
١٧.
Odoo Aakhiraan caaltuufi haftuu taatee jirtuu [addunyaa filattu]
١٨.
Dhugumatti, kun barreeffamoota duraanii keessa jira
١٩.
Barreeffamoota Ibraahiimifi Muusaa [keessa jira]