٢.Dhugumatti Nuti nama, isa qormaatuuf jecha bishaan saalaa walitti makamaa ta'e irraa uumnee; Dhaga'aafi argaas isa goone
٦.(Kun) burqaa gabroonni Rabbii ishee dhuganiidha(Karaa fedhanitti) dhangalaafachuu ishee dhangalaafatu
٩.(Ni jedhu): "dhugumatti, wanti nuti isin nyaachifnuuf Fuula Rabbii qofaafi; isin irraa mindaas ta'ee galata wahii hin barbaannu
١١.Rabbiinis hamtuu guyyaa gaafasii irraa isaan tikseeti (fuula isaaniis) ifaafi gammachuu qunnamsiise
١٣.Ishee keessatti sireewwan irratti hirkatanii, odoo ishee keessatti aduufi qorra hamaa hin argine (jiraatu)
١٤.Haala gaaddisni ishee isaan irratti gadi dhihoo, firiiwwan ishees isaaniif laaffifamuu laaffifamteen (jannata seenu)
١٩.Ijoollee ishee keessatti hafoo ta’antu isaan irra naanna'a; yeroo isaan argitu faaya bibittinneeffame sitti fakkaatu
٢١.Gubbaa isaanii irra uffata magariisa hariira qal'aafi hariira furdaatu jira; gumeelee meeta irraa ta'es ni faayamuGooftaan isaaniis dhugaatii qulqulleessaa isaan obaasa
٢٨.Nuti isaan uumnee qaama isaaniis jabeessine; yeroo feenes (isaan balleessinee) fakkaatuma isaanii bakka buusinsa bakka buufna
٣١.Nama fedhe rahmata Isaa keessa seensisaMiidhaa raawwattoota immoo isaaniif adabbii laalessaa qopheesse