١.(Yaa Muhammad SAW!) Gareen jinnii irraa ta'an (Qur'aana) dhageeffatanii (akkana) jedhaniin wahyiin natti godhameera jedhi: “nuti dhugumatti, Qur'aana dinqisiisaa dhageenye
٢.[Inni] gara karaa sirriitti qajeelcha; kanaafuu, isatti amanneerraGooftaa keenyattis waan tokkollee hin qindeessinu
٦.Ammas dhiironni nama irraa ta'an dhiirota jinnii irraa ta'anitti maganfatanii boona qofa isaaniif (jinnootaaf) dabalaa turan
٨.Nutis samiitti ga'uu (feeneti) kan isheen eegdota jajjaboofi qaanqeen (urjii furguuggamtuu) guutamte ishee argine
٩.Nuti ishee irraa teessuma (haasa'a) dhageeffachuuf teenyu qabna turreNamni amma dhageeffate immoo qaanqee (urjii) isa eeggatu isaaf arga
١٠.Nuti nama dachii keessa jirutti hamtuun yaadamuu yookiin Gooftaan isaanii qajeeluma isaaniin fedhuu hin beeknu
١١.Nutis nurraa gaggaariin ni jiranAmmas nurraa kan sanaan ala ta'antu jiruNuti warra karaa adda addaati turre
١٢.Nuti dachii keessatti Rabbiin jalaa hin baanu; dheessuudhaanis Isa hin dadhabsiifnuu beeknee jirra
١٣.Nuti yeroma Qajeelfama dhageenye isatti amanneNamni Gooftaa isaatti amane hir’achuu (mindaa) ta'ee dabaltii (adabaa) hin sodaatu
١٤.Nuti, nurraa muslimoonni ni jiran; jallattoonnis nurraa ni jiru; Namni Islaamayes warri sun karaa qajeelaa barbaadanii jiru
١٦.Odoo isaan karaa qajeelaa irra gadi dhaabbatanii, bishaan baay'ee (samii irraa) isaan obaafna turre
١٧.Isa keessatti isaan qormaatuuf jecha (obaafna ture)Namni yaadannoo Gooftaa isaa (Qur'aana) irraa garagale, (Rabbiin) adabbii jabaa isa seensisa
١٩.Yeroo gabrichi Rabbii (Muhammad SAW!) Isa waammachuuf dhaabbatu (jinnoonni) isa irratti tuuta ta'utti dhihaatu
٢٠.(Yaa Muhammad SAW!) jedhi: "wanti ani gabbaru Gooftaa kiyya qofa; Isattiis waan tokkollee hin qindeessu
٢٣.Rabbi irraa (wahyii)fi ergaawwan Isaa geessuu malee (hin danda'u)Namni Rabbiifi Ergamaa Isaa faallesse, dhugumatti ibidda jahannam kan ishee keessatti hafutu isaaf jira
٢٤.Yeroo waan ittiin sodaachifaman argan namni tumsaadhaan akkaan dadhabaafi lakkoofsaan daran xiqqaa eenyuun akka ta'e beekuuf jiru
٢٥.“Wanti isin sodaachifamtan dhihoo ta'uu yookiin Rabbiin kiyya beellama yeroo (dheeraa) isaaf godhaa hin beeku” jedhiin
٢٧.Ergamaa irraa nama jaalate malee (kan biraatti hin mul'isu)Inni fuuldura isaatiifi duuba isaatiin eegdota (malaykota) seensisa
٢٨.Haaluma waan isaan bira jiru hundatti marseefi waan hundaayyuu lakkoofsaan walitti qabee jiruun ‘ergaawwan Gooftaa isaanii dhugumatti bakkaan ga'uu isaanii’ akka ifa baasuuf (eegdota kaa'e)