١.Nuti "odoo adabbiin laalessaan isaanitti hin dhufin dura ummata kee sodaachisi" jechuun Nuuhiin gara ummata isaatti ergineerra
٤.Dilii keessan irraa isiniif araarama; hanga yeroo murtaa'eettis isin tursiisaBeellamni Rabbii yeroo dhufe booda hin aanfamuOdoo kan beektan taatanii (silaa isa malee hin gabbartanu)
٧.Akka Ati isaaniif araaramtuuf dhawaata ani isaan waamuun qubbeen isaanii gurra isaanii keessa kaa’anii uffata isaanii haguuggatanii (badii) itti fufan; booniinsa boonan
٢١.Nuuhiin ni jedhe: "Gooftaa kiyya! Isaan ajaja kiyya didanii, nama qabeenyi isaatiifi ilmaan isaa hoonga’iinsa malee homaa isaaf hin daballe hordofan
٢٣.‘Gabbaramtoota keessaniis hin dhiisinaa; waddi, suwaa'i, yaghuus, ya'uuqiifi nasriinis hin dhiisinaa' (waliin) jedhan
٢٥.Diliiwwan isaanii irraa kan ka'e, bishaaniin nyaachifamanii ibidda seensifamanRabbiin alatti tumsitoota isaaniif hin arganne
٢٧.Yoo Ati isaan hambifte gabroota Kee jallisu; dilaawoo akkaan kaafira ta'e malees hin dhalan (hin horan)
٢٨.Gooftaa kiyya! Anaaf, abbaafi haadha kiyyaaf, nama mu’umina ta'ee mana kiyya seeneef, mu'uminootaafi mu'umintittiifis araaramiKaafirootaafis badii malee hin dabalin.”