١.Wanti samii keessaafi wanti dachii keessaa hundi Rabbiin qulqulleessaMootummaan kan Isaa ti; faarunis kan IsaatiInni waan hunda irratti danda'aadha
٢.Inni Isa isin uumeIsin irraa Kaafirris ni jira; isin irraa Mu'uminnis ni jiraRabbiin waan isin dalagdan argaadha
٤.Wantoota samiifi dachii keessa jiru hunda ni beeka; akkasumas waan isin dhoksitaniifi waan isin ifa gootan ni beekaRabbiin waan qoma keessaa beekaadha
٥.Sila oduun warra duraan kafaranii adabbii kufrii isaanii dhandhamanii isinitti hin dhufnee! Isaaniifis ibidda laalessaatu jira
٦.Kunis sababa ergamooleen isaanii ragaa iftuudhaan isaanitti dhufnaan "sila namatu nu qajeelchaa?" jedhanii kafaranii irraayis garagalaniifiRabbiinis of ga'eRabbiin dureessa faarfamaadha
٧.Isaan kafaran (erga duunee) hin kaafamnu jechuu dubbatan"Eeyyeen! Gooftaa kiyyatti kakadhee! Dhugumatti, isin ni kaafamtu; ergasii wanti dalagdan hunduu isinitti himamaSunis Rabbirratti laafaa dha" jedhiin
٨.Rabbiifi Ergamaa Isaatti, akkasumas ifa isa Nuti buufnetti amanaaRabbiin waan isin hojjattan hunda keessa beekaadha
٩.Guyyaa wal gahichaatiif guyyaa (Rabbiin) walitti isin qabu san [yaadadhaa]Sun guyyaa wal gowwoomsuutiNamni Rabbitti amanee toltuu dalage (Rabbiin) dilii isaa isarraa harcaasee Jannata jala ishee laggeen yaatu keessa abaditti hafoo ta'anii isa seensisaSun milkii guddaadha
١٠.Isaan kafaranii keeyyattoota keenya sobsiisan, ishee keessatti hafoo ta'anii isaan warra ibiddaati(Isheen) deebii ta'uun waa fokkatte
١١.Hamtuu irraa wanti tokkollee eeyyama Rabbiitiin ala nama hin tuquNama Rabbitti amanes qalbii isaa ni qajeelchaRabbiin waan hunda beekaadha
١٢.Rabbiif ajajamaa; Ergamichaafis ajajamaaYoo gara galtanis wanti Ergamaa Keenya irra jiru (ergaa itti kenname) dhaqqabsiisuu qofa
١٤.Yaa warra amantan! Dhugumatti, niitolii keessaniifi ilmaan keessan irraa warra isiniif diinaatu jira; kanaafuu, isaan eeggadhaaYoo dhiifama gootanii irra dabartaniifii araaramtan (sanatu isiniif caala)Rabbiinis araaramaa, rahmata godhaadha
١٦.Hanga dandeessaniin Rabbiin sodaadhaa; dhagayaa; (Isaafis) ajajamaa; arjoomaas; sanatu lubbuu keessaniif caalaa ta'aNamni don'ummaa lubbuu isaa (irraa) tikfame, isaan isaanumatu milkaa'oodha
١٧.Yoo liqii gaarii Rabbiif liqeessitan, dachaa isiniif godha; isiniif araaramasRabbiin galateeffataa obsaadha