٧.(Guyyaa san) ijji isaanii sodaan guutamteeti, awwaala (isaanii) irraa ba’anii akka awwaannisa faca’ee fakkaatu
٩.Isaaniin dura ummanni Nuuh sobsiifteeraGabricha keenya (Nuuh) sobsiisanii, “inni maraataa dha, dhorgameeras.” jedhan
١٢.Burqituuwwan dachii burqisiifnee bishaan (samiifi dachii) murtii dhugumaan murtaa’e irratti walitti dhufan
٢٥.Sila yaadachiifni kun nu hunda gidduu isa (Nabi Saalih) qofa irratti buufamee? Lakkisaa! Inni akkaan sobaa, boonaadha
٢٨.Bishaan (gaalattii fi) isaan gidduutti qoodamus isaanitti himiDhugaatiin (garee) hundaayyuu dhufamaadha
٣١.Dhugumatti, Nuti iyya tokkittii isaan irratti ergineErgasii akka caccabaa mooraa horiin irra deemee tahan
٣٤.Dhugumatti, Nuti isaan irratti bubbee cirrachaa erginee jirraMaatii Luux malee, (yeroo) bariisaa isaan baraarsine
٣٧.Dhugumatti, keessummaa isaa irraa (badii itti hojjachuuf) isa gaafatanKanaaf ija isaanii jaamsinee “adaba kiyyaafi dinniina (kiyyas) dhandhamaa” (jenneen)
٤٣.(Yaa Qureeyshotaa!) Sila kaafiroota keessantu isaan kanneen irra caala moo kitaabota keessa (adabbii irraa) baraaramuutu isiniif jira