٢٣.Isheen maqoota isiniifi abbootiin keessan odoo Rabbiin ragaa isheef hin buusin moggaaftani malee homaa mitiSe’aafi waan lubbuun isaanii feetu qofa hordofuDhugumaan qajeelfamni Rabbii isaanii irraa isaanitti dhufee jira
٢٦.Maleeykota irraa, warra erga Rabbiin nama fedhuuf hayyamee, jaallate malee manguddummaan isaanii homaa hin fayyadne baay’eetu samii keessa jiru
٢٨.Isa irratti beekumsa homaatuu hin qabanShakkii malee homaa hin hordofanuShakkiin immoo dhugaa irraa homaa hin duroomsu
٣٠.Kun beekumsa irraa daangaa isaaniitiDhugumatti, Rabbiin kee Isumatu nama karaa Isaa irraa jallate akkaan beekaadhaInni nama qajeeles akkaan beekaadha
٣١.Wanti samii keessa jiruufi wanti dachii keessa jirus kan RabbiitiIsaan hamtuu dalagan waan isaan dalaganiin isaaniif mindeessuufi isaan toltuu hojjatanis ishee caaltuu taate isaan mindeessuuf (uume)
٣٢.Isaan sun warra dogoggora xixiqqoo malee dilii gugurdoofi sagaagalummaa irraa fagaataniidhaDhugumatti, Gooftaan kee araaramni Isaa bal’aadhaInni yeroo dachii irraa isin uumeefi yeroo isin garaa haadha keessanii keessatti ulfa taatanii jirtan akkaan isin beekaLubbuu keessan hin qulqulleessinaaInni nama (Isa) sodaatu akkaan beekaadha
٥٢.Ummata Nuuhis sana dura (balleesse)Isaan isaanumatu akkaan miidhaa raawwattootaafi daangaa darbitoota turan