٢٥.Yeroo isa irratti seenanii “Nagaa (si irratti buufna)” jedhan[Inni] “nageenyi (isin irras haa jiraatu); isin namoota ani hin beekneedha” jedheen
٢٨.Ergasii (yeroo nyaachuu dhabuu isaanii argu) isaan irraa sodaan isa qabeIsaan “hin sodaatin” jedhaniinIlma beekumsa qabuunis isa gammachiisan
٢٩.Sana booda niitin isaa sagalee ol fuudhamaan haasa’aa dhufteFuula ishee dhadhayaa “Ani jaartii manguddoo maseena hoo (akkamittin daha)!” jette
٣٨.(Seenaa) Muusaa keessas yeroo ragaa ifa ba’aan gara Fir’awnitti isa ergine (mallattoo goonee jirra)
٣٩.Innis (Fir’awnis) humna waraanaa isaa waliin (dhugaa irraa) gara galee “(Muusaan) falfalaadha; yookiin maraataadha” jedhe
٥٢.Akkasuma, ergamaan tokkos warra isaan dura turanitti hin dhufne, yoo isaan “falfalaadha; yookiin maraataadha” jedhaniin malee
٥٩.Dhugumatti, miidhaa raawwattootaaf qooda adabaa kan akka adabbii fakkaattota isaaniitu jiraafii akka Nan jarjarfanne