١١.Mee Isaan gaafadhuUumuu keessatti kan irra cimu isaani moo warra uumne kan biraati? Nuti dhoqqee walitti qabattuu irraa isaan uumne
٢٢.“Isaan miidhaa dalagan, hiriyoota (fakkaatoo) isaaniitiifi waan isaan gabbaraa turanis walitti qabaa” (malaykotaan jedhama)
١٠٢.Yeroma isa waliin deemuu irra ga’u ni jedhe: “yaa ilma kiyya! Ani abjuu keessatti kan si gorra’un argeWaan siif mul’atu ilaali.” (Ilmis) ni jedhe: “Yaa abbaa kiyya! Waan ajajamte dalagiYoo Rabbiin fedhe obsitoota irraa ta’uu na argita.”
١٠٣.Yeroo isaan lamaanuu (fedha Rabbiitiif) harka kennan, (abbaan ilma isaa kana) adda isaa irratti ciibse
١١٣.Isa irrattiifi Is-haaq irrattis barakaa gooneSanyii isaan lamaanii irraa nama toltuu hojjatuufi kan lubbuu isaa miidhaa ifa ta’etu jira
١٤٩.(Yaa Muhammad!) isaan gaafadhu: “Sila Gooftaa keetiif ilmaan dubaraa ta’aniiti, isaaniif immoo ilmaan dhiiraa ta’anii?”
١٥٨.Gidduu Isaatiifi gidduu malaykotaatti firummaa godhanMalaykoonni dhugumatti akka isaan (kun) dhiaatuuf jiran sirritti beekanii jiru