٦.Ummata abbootiin isaanii hin akeekkachiifamin, kan dagatoo turan akka ittiin akeekkachiiftuuf (buufame)
٨.Nuti morma isaanii irratti takaallaa goone; isheen hanga lafee areedaatti (geessi)Kanaafuu isaan (mataa) ol fudhamoodha
١١.Kan ati akeekkachiiftu nama gorsa hordofee Rahmaaniinis fagootti sodaate qofaAraaramaafi mindaa gaariin isa gammachiisi
١٢.Nuti numatu du’aa jiraachifnaWaan isaan hojjatanii dabarsaniifi hambaalee isaanii ni barreessinaWaan hundayyuu kitaaba ifa bahaa keessatti galmeessinee jirra
١٤.Yeroo Nuti (ergamoota) lama gara isaaniitti erginee, isaan lamaanuu sobsiisanii, ergasii sadaffaadhaan (isaan) jajjabeessinee, “nuti gara keessanitti ergamoodha” jedhan (fakkeenya godhiif)
١٥.Isaanis “isin namuma akka keenyaati malee waan biraa mitiRabbiinis homa tokkoyyuu hin buufne; isinis kan sobdan malee waan biraa hin taane” jedhan
١٨.(Ummannis) “Nuti isiniin hooddanne (milkii ilaallanne) yoo (waamicha keessan irraa) hin dhorgamin, dhagaan isin tumnaAdabbiin laalessaa ta’es nurraa isin tuqa” jedhan
١٩.“Hooddannaan (milkii ilaallachuun) keessan isinumaa wajjin” jedhaniSila yoo gorfamtanis (ni hooddattuu)? Akkasii mitiIsinumatu ummata daangaa dabritoota” jedhan
٢٠.Kutaa fagoo magaalattii irraa namichi tokko fiigaa dhufee ni jedhe: “yaa ummata kiyya! Ergamtoota hordofaa
٢٣.Sila ani Isaa gadittiin gabbaramtoota biraa kan Yoo Rahmaan miidhaa wahiitiin na fedhe jaarsummaan isaanii homaa ana hin fayyadneefi isaaniis ana hin baraarsinen taasifadhaa
٣٠.Yaa gaabbii gabroota kiyyaa! Ergamaan kamillee isaanitti dhufee isatti qishinan (baacan) malee hin hafanu
٣١.Sila isaan dura ummata irraa meeqaatama akka balleessine hin arginee? Isaan gara isaaniitti hin deebi’anuu (hin arginee)
٣٣.Dachii duutuun Nuti ishee jiraachifneefi firii (adda addaa) ishee irraa baafnee isa irraa nyaatan isaaniif mallattoodha
٣٤.Ishee keessatti oyruu muka timirootaafi inabootaa irraa ta’e taasifneerraIshee keessaa burqaalee irraas maddisiifnee jirra
٣٥.Fuduraa isaatiifi waan harki isaanii hojjatte irraa akka nyaataniif (kana goone)Sila hin galateeffatanuu
٣٦.Inni waan dachiin biqilchitu irraa, lubbuu isaanii irraafi wantoota isaan hin beekne irraa cimdii hunda uume qulqullaa’eera
٤٣.Odoo feenee bishaaniin isaan dhidhimsina turreBirmataan tokkos isaaniif hin jiruIsaan hin baraarfamanus
٤٤.Rahmata nurraa ta’eef hanga yeroo (muraasaa) akka qanani’aniif (dhiifne) malee (ni dhidhimsina turre)
٤٥.Yeroo “akka rahmanni isiniif godhamuuf waan fuuldura keessaniifi duuba keessan jiru sodaadhaa” isaanin jadhame (irraa gara galu)
٤٦.Mallattoolee Rabbii irraa mallattoon tokko isaanitti dhuftee ishee irraa gara galan malee hin hafan
٤٧.Yeroo “waan Rabbiin isiniif kenne irraa kennadhaa” isaaniin jadhame, warri kafaran warra amananiin “sila nama Rabbiin odoo fedhee isa nyaachisu nyaachifnaa? Isin jallina ifa ta’e keessa malee hin jirtanu” jedhu
٥٢.“Yaa badii keenya! Hirriiba keenya irraa eenyutu nu dammaqse? Kun waan Rahmaan waadaa nuuf gale; ergamtoonnis dhugaa dubbatan” jedhan
٥٤.“Har’a lubbuun kamillee homaa hin miidhamtuWaan dalagaa turtan malee hin mindeeffamtanu” isaaniin jedhama
٦٠.“Yaa ilmaan Aadam! Sheyxaana hin gabbarinaa; inni isiniif diina ifa ba’aadha” jechuun waadaa gara keessanitti hin dabarsinee
٦٥.Har’a afaan isaanii ni cufna; harki isaanii Nutti dubbatti; miilli isaaniis waan isaan hojjataa turan ragaa baati
٦٧.Odoo feenee iddoowwan isaanii irratti gara uumama biraatti isaan jijjiirras turreIsaan duratti deemuus ta’ee duubatti deebi’uu hin danda’anu
٦٩.Nuti isa (Nabiyyii) walaloo hin barsiifne; isaafis hin maluInni yaadannoofi Qur’aana ifa galaa malee waan biraa miti
٧٠.Akka inni nama jiraa ta’e akeekkachiisuufi kaafiroota irratti jechi (adabbii) mirkanaa’uuf (isa buufne)
٧١.Sila waan harki keenya dalagde irraa beyladoota isaaniif uumnee isaan ishee horatoo ta’an hin ilaallee
٧٧.Sila namni akka Nuti bishaan saalaa irraa isa uumne hin arginee? Yeroo san inni mormaa ifa ba’aa ta’ee argama
٧٨.Fakkeenya Nuuf godheeti, uumama isaa dagatee “erga isheen bututtee lafee eenyutu jiraachisa?” jedhe
٨١.Sila Inni samiifi dachii uume fakkaataa isaanii uumuu irratti danda’aa mitii? Eeyyeen (danda’aa dha!)Inni akkaan uumaa, beekaadha