غالي آبابور آباغونا · Afaan Oromoo

١.(Isheen kun) suuraa Nuti ishee buufnee, dirqama ishee taasifnee, akka gorfamtanuuf jecha ishee keessattis keeyyattoota ifa ta’an buufneedha
٣١.Dubartoota mu’uminootaatiinis “(ija keessan gadi qabadhaa”) jedhi, ija isaanii gadi qabatu; qaama saalaa isaaniis ni tikfatu“Faaya isaaniis isa isaan irraa ofiin mul’ate malee hin mul’isinaa; haguuggaa isaanii qoma isaaniitti haa uffisanu; miidhagina qaama isaanii dhiirsa isaanii, yookiin abbootii isaanii, yookiin abbootii dhiirsa isaanii, yookiin ilmaan isaanii, yookiin ilmaan dhiirsa isaanii, yookiin obboleeyyan isaanii, yookiin ilmaan obboleeyyan isaanii, yookiin ilmaan obboleettiiwwan isaanii, yookiin dubartoota isaanii (mu’uminoota ta’an), yookiin gabroota too’annaa isaanii jala jiran, yookiin tajaajiltoota dhiira irraa ta’an kan fedhii hin qabne ta’aniifi yookiin ijoollee qaama saala dubartootaa irratti hin mul’atinitti (hin beekinitti) malee miidhagina isaanii hin mul’isinMiidhagina isaanii irraa wanti isaan dhoksan akka beekamuuf jecha miila isaaniitiin dachii hin dhiitinYaa mu’uminootaa! Akka milkooftaniif jecha hundi keessanuu gara Rabbiitti tawbaa deebi’aa.” jedhiin
٣٣.Isaan waan fuudhaaf isaan barbaachisu hin argatin hanga Rabbiin tola Isaa irraa isaan duroomsutti, kabajaa ofii haa eeggatanGabroota too’annaa keessan jala jiran gidduus yoo isaan keessatti toltuu beektan, isaan barreeffama (beellamaan bilisoomuu) barbaadaniif, barreessaaQabeenya Rabbii kan Inni isiniif kenne irraas isaaniif kennaaShamarran gabrootaa keessan yoo isaan kabajaa ofii eeguu fedhan isin bu’aa jireenya addunyaatiif jecha, sagaagalummaa irratti isaan hin dirqinaaNamni isaan dirqe, dhugumatti Rabbiin erga isaan dirquutii (isaanif) araaramaa, rahmata godhaadha
٣٥.Rabbiin ifaa samiifi dachiitiFakkeenyi ifa Isaa akka foddaa ibsaan ishee keessa jiruutiIbsaan sun immoo birillee keessa jiraBirillichis akka urjii calaqqisaa muka barakeeffamtuu, zeytuunaa irraa taate, kan kallattii bahaas ta’ee, dhihattiis hin ta’in, kan zeytiin ishee odoo ibiddi isa tuquu baattellee ifuutti dhihaatu kan fakkaattuudha(Kana jechuun) ifaa ifaa irraati ta’ee dha! Rabbiin nama fedhe gara ifaa Isaatti qajeelchaAmmas Rabbiin namootaaf fakkeenyota taasisaRabbiin waan hunda beekaadha
٦١.(Namaa wajjin nyaachuu keessatti) Jaamaa irra rakkinni hin jiruNaafa (hokkolaa) irrattis rakkinni hin jiruDhukkubsataa irraas rakkinni hin jiruIsin irrattiis mana keessan irraa, yookiin manneen abbootii keessanii irraa, yookiin manneen haadholii keessanii irraa, yookiin manneen obboleeyyan keessan dhiiraa irraa, yookiin manneen obboleettiwwan keessanii irraa, yookiin manneen wasiila (abbeeraawwan) keessanii irraa, yookiin manneen adaadota keessanii irraas, yookiin manneen eessumman keessanii irraas yookiin manneen haboowwan (aaddee) keessanii irraa, yookiin waan furtuun isaa harka keessan jiru irraa, yookiin (mana) hiriyyaa keessanii irraa nyaachuu keessatti rakkinni isin irra hin jiruWalii wajjinis ta’ee adda addaan nyaachuu keessatti badiin isin irra hin jiraatuYeroo manneen seentan of irratti nagaa buusaaKabajaa Rabbi biraa taate, barakeeffamtuu, qulqulluu taate (of irratti buusaa)Akka kanatti akka xiinxaltaniif Rabbiin keeyyattoota (Isaa) isiniif ibsa