٢.Gorsi haaraan Rabbii isaanii irraa kan isaan taphachaatuma isa dhaggeeffatan ta’an malee isaanitti hin dhufu
٣.Onneen isaanii dagattuu taatee malee (hin dhaggeeffattu)Miidhaa hojjattoonnis iccitiin marii taasisanii “Sila kun namuma akka keessaniitii mitii? Sila isin odoo argitan falfalatti dhaqxuu?" (waliin jedhu)
٤.(Muhammad-SAW) ni jedhe: “Gooftaan kiyya jecha samiifi dachii keessatti (dubbatamu hunda) ni beekaInnis dhaga’aa, beekaadha
٥.Dhugumatti, isaan ni jedhan: “(Qur’aanni) kun abjuu laaqamaadhaLakkii! Soba inni of irraa uumeeLakkii! Inni weellisaadha(Yoo dhugaa ta’e) raajii akka warri durii ittiin ergameen nutti haa dhufu.”
٧.Si duras dhiirota wahyii gara isaanii goonu malee hin ergineYoo kan hin beekne taatan warra beekumsa qaban gaafadhaa
٨.Nuti isaan (ergamoota Rabbii) qaamota nyaata hin nyaanne hin taasifnes; kan (addunyaa keessa) yeroo hunda jiraatanis hin taane
٩.Sana booda waadicha isaaniif dhugaa goonee isaaniifi nama feenes ni baraarsinee; daanga dabartoota immoo ni balleessine
١٠.Dhugumatti, Nuti kitaaba yaadannoon (gorsi) keessan isa keessa jiru gara keessanitti buufnee jirraSila hin xiinxaltanuu
١٣.Hin gulufinaa; akka gaafatamtaniif jecha gara waan isa keessatti qanansiifamtaniifi (gara) manneen keessanii deebi’aa
١٥.Hanga haamamoo, dhaamoo isaan taasifnutti jechi (nuti miidhaa raawwattoota taane) jedhu watwaata isaanii ta’uu irraa hin deemne
١٨.Lakkii; dhugaa soba irratti darbina (ol taasifna)Sammuu isa dhoosee (isa balleessa); yoosuu inni (sobni) dhabamaadhaIsiniifis waan (Rabbi) irratti uumtaniif badiitu (mirkanaa’ee) jira
١٩.Wantoonni samiifi dachii keessa jiran hundi kan IsaatiIsaan Isa (Allaah) bira jiranis (maleykonnis) Isa gabbaruu irraa hin boonan; hin hifatanis
٢٢.Odoo isaan lamaan (samiifi dachii) keessa Rabbiin malee gabbaramtoonni biraa jiraatanii lamaan isaaniituu ni badu tureRabbiin Gooftaa Arshii ta’e waan kaafiroonni (Isaan) jedhan irraa qulqullaa’e
٢٤.Sila isaan Rabbiin ala gabbaramtoota taasifatuu? “Ragaa keessan fidadhaa” jedhiinKun gorsa namoota ana waliin jiraniifi gorsa namoota ana dura turaniitiGaruu irra hedduun isaanii dhugaa hin beekanuKanaafuu (isa) irraa garagalu
٢٥.(Yaa Muhammad!) Si dura ergamaa irraa tokkoyyuu “Ana malee dhugaan gabbaramaan hin jiru; kanaafuu Ana (qofa) gabbaraa” jechuun wahyii gara isaatti buufnu malee hin ergine
٢٦.Isaanis “Rahmaan ilma godhate” jedhuInni qulqullaa’eeraLakkii isaan (maleykoonni) gabroota (Rabbii) kabajamoodha
٢٨.Inni waan isaaniin duraatiifi waan isaaniin duubaas ni beekaNama Inni jaalateef malee isaan hin manguddoomanuIsaanis (ofiifuu) sodaa Isaa (Allaah) irraa na’u
٢٩.Isaan irraa nama “Isaan alatti anatu gabbaramaadha” jedhe, isa sana jahannam isaaf galata galchinaAkkasitti miidhaa hojjattoota galata galchina
٣٠.Sila isaan kafaran akka samiifi dachiin walitti maxxantuu (qaama tokko) turanii, ergasii addaan isaan baafne hin beekanuu? Bishaan irraas lubbu qabeeyyii hunda ni uumneSila hin amananuu
٣١.Dachii keessatti akka isheen isaaniin hin sochoone gaarreen lafa qabataa taasifneerraIshee keessattis daandiwwan gugurdaa akka ittiin qajeelaniif isaaniif taasifneerra
٣٢.Samiis jaarmaya (kan gubbaa) eegamaa isa taasifnee jirraGaruu isaan mallattoolee ishee irraa garagalu
٣٤.(Yaa Muhammad!) Si duras ilma namaatiif jireenya waaru (yeroo hundaa) hin taasifneSila yoo ati duute, isaan ni waaruu
٣٥.Lubbuun hundi du’a dhandhamtuudhaIsin qormaatuuf hamtuufi gaariin isin mokkorraGaruma keenyatti deebifamtu
٣٦.Isaan kafaran yeroo si argan odoo Rahmaaniin dubbachuutti kafaranii jiranuu “sila kun isa gabbaramtoota keessan (hamtuun) maqaa dhahu sani mitii?” (jechuun) qishnaa qofa si taasifatu
٣٧.Namni hunduu jarjara irraa uumameAni mallattoolee kiyya isinittin agarsiisaa Ana hin jerjersiifatinaa
٣٩.Isaan kafaran odoo yeroo ibidda fuula isaanii irraafi dugda isaanii irraa qabuu hin dandeenyeefi tumsas hin arganne san beekanii (hin jerjerfatanu ture)
٤٠.Dhugumaatti, isheen (Qiyaaman) tasuma isaanitti dhuftee, isaan dhamaaftiIshee (of irraa) deebisuu hin danda’anu; yeroonis isaaniif hin kennamu
٤١.Dhugumatti, si duras ergamtootatti qishnamee (baacamee) isaan irraa warri baacan wanti isaan itti qishnaa turan isaan marse
٤٢.Jedhi: “Eenyutu halkaniifi guyyaa (adabbii) Rahmaan irraa isin eega?” Dhugumatti, isaan yaadannoo Rabbii isaanii irraa garagaloodha
٤٣.Moo isaan gabbaramtoota Nu irraa isaan tiksan qabu? Lubbuu isaaniituu tumsuu hin danda’anuIsaanis Nu irraa tikfamuu hin danda’an
٤٤.Dhugumatti, Nuti isaan kanaafi abbootii isaaniis hanga yeroon isaan irratti dheeratutti qanansiifneSila Nuti dachii moggaa ishee irraa suuta suutaan hirdhisaa akka deemnu hin arganuu? Moo isaantu injifatoodhaa
٤٥.(Yaa Muhammad!) Jedhi: “Kan ani isin sodaachisuun wahyii qofaaniNamoonni gurri isaanii (haqa irraa) duude yeroo dinniinni isaaniif godhamu hin dhagayanu.”
٤٦.Rabbiin kakadhee! gosti adabbii Gooftaa kee irraa ta’e yoo isaan tuqe ni jedhu: “Yaa badii keenya! Dhugumatti nuti miidhaa raawwattoota taaneerra.”
٤٧.Nuti Guyyaa Qiyaamatiif madaala haqaa lafa keenyaLubbuun takkas homaa hin miidhamtuYoo waan ulfina hanga firii (ija) raafuu qabu ta’es Nuti ishee ni fidnaQormaataafis Nuti ga’oodha
٤٨.Dhugumatti, Nuti Muusaafi Haaruuniif (kitaaba) adda baasaa, ifnanaafi yaadannoo warra Rabbiin sodaataniif ta’e kenninee jirra
٥٢.Yeroo inni abbaafi ummata isaatiin “Siidaawwan isin (Ibaadaaf) ishee irra teessan kun maali?” jedhe (kennineef)
٥٦.Ni jedhe: “Baraa, Rabbiin keessan Gooftaa samiifi dachii, kan isaan uume saniAnis kana irratti warra ragaa ba’an irraa tokko.”
٥٧.“Allaah’n kakadhee! Ani erga isin dugda gara galtanii deemtan booda dhugumatti, tooftaan ittiin taabota keessan (mancaasun) qopheeffadha” (of keessatti jedhe)
٥٨.Akka isaan gara isaa (taabota guddichaa) deebi'aniif jecha guddaa isaaniif ta’e tokko qofa (dhiisee) caccabaa isaan godhe
٥٩.(Isaan) ni jedhan: “Namni gabbaramtoota keenyatti kana hojjate dhugumatti, inni miidhaa raawwattoota irraayi.”
٦٠.“Dargaggeessa Ibraahiim isaan jedhamu tokko kan maqaa isaanii (hamtuun) dubbatu dhageenyeerra” jedhan
٦٣.(Ibraahiimis) “Lakkii, guddaa isaaniitu kana hojjateYoo kan dubbatan ta’aniif isaan gaafadhaa” jedhe
٦٥.Sana booda mataa isaanii lafatti gadi deebisanii “ati dhugumatti, isaan kun hin dubbatanuu beektee jirta (maaliif kana jetta?)” jedhan
٧٣.Imaamota ajaja keenyaan qajeelchan isaan taasifnee jirraWantoota gaggaarii hojjachuu, salaata dhaabuufi zakaa baafachuus gara isaanitti wahyii gooneWarra Numa (qofa) gabbaran turan
٧٤.Luuxiinis murtii haqaafi beekumsa (amantii) isaaf kenninee jirra(Ummata) ganda badii fokkatoo ta’an hojjatan san irraas isa baraarsinee jirraDhugumatti, isaan ummata badoo, finciltoota turan
٧٦.Nuuhiinis ‘yeroo inni sana dura (Nutti) lallabee isaaf owwaannee, isaafi maatii isaas cinqaa guddaa irraa baraarsine’ [yaadadhu]
٧٧.Namoota keeyyattoota keenya sobsiisan irraas nagaya isa baafneDhugumatti, isaan warra hamtuu turanKanaaf hunda isaanii bishaaniin dhidhimsine
٧٨.Daawuudiifi Suleeymaaniinis ‘yeroo isaan lamaan lafa qonnaa (oyruu) re’oonni ummataa (halkan) dheedan keessatti murtii kennan” [yaadadhu]Nutis murtii isaanii ni beekna turre
٧٩.Ishee (murtittii) Suleeymaaniin hubachiifneHundaafuu beekumsa murtii haqaafi beekumsa (amantiis) kennineerraGaarreeniifi allaattiinis Daawuudii waliin akka Ana qulqulleessan laaffifneNutis hojjatoo taane
٨٠.Uffata sibiilaa kan yeroo wal loltan waraana irraa isin ittisan hojjachuus isa barsiifnee jirraSila isin (Nu) hin galatoomfattanuu
٨١.Suleeymaanifis qilleensa bubbisaa, kan ajaja isaatiin gara dachii ishee keessatti barakaa goonee yaatu (laaffifnee jirra)Nutis waan hunda beekoo taaneerra
٨٢.Sheyxaanota irraas isaan (faaya baasuuf garba keessa) isaaf lixaniifi sana malees hojii biraa hojjatantu jiraNutis tiksoo isaanii taaneerra
٨٣.Ayyuubiinis ‘yeroo inni Gooftaa isaatti lallabee “ani dhugumatti, rakkoon na tuqeera; Ati irra rahmata godhaa warra rahmata godhaniiti” (jedhu yaadadhu)
٨٤.Isaaf owwaannee cinqaa irraa waan isarra jiru irraa furreRahmata Nu biraa ta'eefi warra Rabbiin gabbaran yaadachisuuf jecha maatii isaatiifi fakkaataa isaaniis isaanii wajjin isaaf kennine
٨٧.Zannuuniinis (Yuunusiinis yaadadhu); yeroo inni dallanaa deemee, Nuti hamtuu isa irratti dhiphisuu dhabuu yaadeDukkana keessaa “Si malee dhugaan gabbaramaan hin jiruAti qulqulloofteDhugumatti, ani miidhaa hojjataa irraa ta’een jira” (jechuun) lallabe
٨٩.Zakariyyaas (yaadadhu); yeroo inni Gooftaa isaatti lallabee “Gooftaa kiyya! Kophaa (ilma malee) ana hin dhiisin; Ati irra caalaa dhaaltotaati” (jedhe)
٩٠.Kanaafuu isaaf owwaannee Yahyaas isaaf kennineNiitii isaas (akka deessu) isaaf tolchineDhugumatti, isaan (nabiyy-oonni) toltuu keessatti kan daddafan ta'anii kajeellaafi sodaan (guutamanii) kan Nu kadhataniifi Nu sodaatan ta'an
٩١.Ishee qaama saalaa ishee tikfattes (Maryamiinis yaadadhu)Ruuhii (uumama) keenya irraa ta’e ishee keessatti afuufneIsheefi ilma ishees aalama hundaaf mallattoo taasifne
٩٢.Dhugumatti, isheen kun amantii keessan amantii tokkittiidhaAnis Gooftaa keessanii Ana (qofa) gabbaraa
٩٤.Namni mu’umina ta’ee gaggaarii irraa hojjate, hojii isaa hoonga’uun hin jiruNuti isaaf galmeessaadha
٩٦.Hanga yeroo (hidhaan) Ya’ajuujiifi Ma’ajuuj banamee isaanis tabba hunda irraan dhangala’anuutti (hin deebi'anu)
٩٧.Waadaan dhugaas dhihaatee jiraYeroo san ijji warra kafaree akkuma banamtetti haftuudha“Yaa badii keenya! Dhugumatti, nuti kana irraa daguu keessa turre(Yoom kana qofa) inumaa miidhaa raawwattoota irraa taane" jedhu
٩٨.Dhugumatti, isiniifi wantoonni isin Rabbiin ala gabbartanis qoraan (ibidda) jahannami; isin ishee (Jahannam) seenoodha
٩٩.Isaan (taabotoonni) kunniin odoo gabbaramtoota ta’anii silaa ishee hin seenan tureHundi isaaniis ishee keessatti waaru (hafu)
١٠٠.Isaaniif ishee keessatti halaaka (iyyaansa) harreetu jira; akkasumas isaan ishee keessatti hin dhaga’an
١٠٣.(Guyyaa Qiyaamaa) naasuun guddaan isaan hin gaddisiisuMaleykonnis isaan qunnamuun “Kun guyyaa keessan kan waadaa isiniif galamaa tureedha” (jedhuun)
١٠٤.Guyyaa samii akka barreessan xalayaa (galmee) marutti marru san [yaadadhu]Akkuma uumaa duraa jalqabnetti isa deebifna(Kun) waadaa Nu irra jiruudhaDhugumatti, Nuti raawwattoota taanee jirra
١٠٥.Dhugumatti, Nuti erga ‘Lawhal Mahfuuz’ keessatti barreessinee booda kitaabota keessatti “dachii gabroota kiyya gaggaariitu dhaalaa” barreessineerra
١٠٨.(Yaa Muhammad!) Jedhi: “Ani wanti gara kiyyatti wahyii godhamu ‘dhugaan gabbaramaan keessan gabbaramaa tokkicha’ (kan jedhuu dha)Sila isin Muslimoota hin taatanuu ree?”
١٠٩.Yoo gara galan “Ani ifaan ifatti isin beeksiseAni wanti waadaa isiniif galame dhihoo moo, fagoo ta’aa isaa hin beeku” jedhi
١١١.Ani inni (an isinitti himu kun) mokkoroo isiniif ta’uufi qananii yeroo gabaabaa (isiniif) ta’aa hin beeku
١١٢.(Muhammad) ni jedhe: “(Yaa) Rabbi! (Anaafi warra ana sobsiisan giddutti) dhugaan murtii godhiGooftaan keenyas Rahmaani, waan isin jettan irrattis gargaarsifatamaadha