١.Inni gabricha Isaa halkan masjida kabajamaa (Makkaa) irraa gara masjida fagoo, kan moggaa (naannoo) isaa barakaa goonee, mallattoowwan keenya akka itti argisiifnuuf deemsise qulqullaa’eDhugumatti, Inni Isumatu dhaga’aa, argaadha
٢.Muusaafis kitaaba kenninee Ilmaan Israa’iilif “anaa gaditti hirkoo hin godhatinaa” (jechuun) qajeelfama isa goone
٣.(Yaa) sanyii namoota Nuuh wajjin (doonii) yaabbachiifne! Dhugumatti, inni gabricha galatoomfataa ture
٤.Gara Ilmaan Israa’iil kitaaba keessatti “dhugumatti isin dachii keessatti yeroo lama badii dalagdu; of tuulummaa guddaa ta’es of tuuluuf jirtu” (jechuun) beeksisa goonee jirra
٥.Isaan lamaan irraa waadaan jalqabaa yeroo dhufe, gabroota Nuuf ta’an kan lolatti cimaa isin irratti ergineIsaanis gola manneen keessanii keessa ni deddeebi’ani(Waadichis) waadaa raawwatamaa ta’eera
٦.Ergasii isaan irratti dabaree injifannoo isiniif deebifnee qabeenyaafi ilmaanis isiniif daballeGama gosaatiinis baay’ee isin taasifne
٧.Yoo toltuu hojjattaniif lubbuma keessaniif toltuu hojjattuYoo hamtuu hojjattanis isuma irrattiYeroo waadaan lamaffaa dhufe, akka (diinotiin keessan) fuula keessan hammeessan, akka masjiidichas (Aqsaas) akkuma yeroo jalqabaa isa seenanitti seenaniifi akka waan irratti injifatan barbadeessuu barbadeessan (isin irratti ergina)
٨.Gooftaan keessan rahmata isiniif gochuun ni kajeelamaYoo isin (badiitti) deebitan, Nutis (isin adabuutti) ni deebinaJahannamiinis kaafirootaaf mana hidhaa taasifnee jirra
٩.Dhugumatti, Qur’aanni kun (karaa) ishee irra haqaafi qajeeltuu taatetti ni qajeelchaMu’uminoota warra gaggaarii hojjatan dhugumatti mindaan guddaan isaaniif jiraachuudhaan gammachiisa
١٠.Isaan aakhiraatti hin ammanne immoo adabbii laalessaa ta’e isaaniif qopheessinee jirra (jechuun gammachiisa)
١١.Ilmi namaa (yeroo aarii) hamtuu akkuma toltuu kadhatutti (Rabbiin) kadhataIlmi namaa jarjaraa ta’eera
١٢.Halkaniifi guyyaas mallattoo lama taasifnee jirraMallattoo halkanii dukkanaan haguugnee, mallattoo guyyaa immoo ifa gooneAkka tola Gooftaa keessan irraa ta’e barbaaddaniifi akka lakkoofsa waggootaafi herregas beektaniif (kana goone)Waan hunda addaan baafnee isa addeessinee jirra
١٣.Nama hundayyuu carraa isaa morma isaatti rarraafnee jirraGuyyaa Qiyaamaa kitaaba banamaa (inni) isa argatu taasifneeti isaaf baafna
١٥.Namni qajeele, kan inni qajeelu matuma ofiitiif qofaNamni jallates, kan inni jallatu ofuma irrattiLubbuun ba’aa baadhattu kamilleen ba’aa lubbuu biraa hin baadhattuHanga ergamaa erginutti kan adabnus hin taane
١٦.Yeroo magaalaa tokko balleessuu feene, namoota qanani’oo ishee (akka Rabbiin sodaatan) ajajnaIsaan ishee keessatti ajaja Rabbii didu; kanaaf jechi (adabaa) isaan irratti mirkanaa’aIshee guutumatti barbadeessine
١٧.Nuuhiin boodas magaalota irraa meeqaatama balleessine! Badii gabroota Isaa beekaa argaa ta’uun Gooftaan kee ga’aadha
١٨.Nama ishee (addunyaa) jerjertuu taate kana fedhu, ishee keessatti nama feeneef waan feene jerjersinaErgasii Ibidda jahannam arrabsamaa, darbamaa ta’ee kan seenu isaaf goona
١٩.Nama Aakhiraa fedhee haala dhugoomsee jiruun hojii ishee isiif hojjate, warra san hojiin isaanii galateeffatamaa ta’eera
٢٠.Hundaayyuu, isaan kanaafi isaan sanas, kennaa Gooftaa keetii irraa (isaaniif) kenninaKennaan Gooftaa keetii dhorgatamaa miti
٢١.Akkamitti garii isaanii garii irra akka caalchifne ilaaliHaa ta’u malee, Aakhiraatu sadarkaafi caalchisuuttis irra guddoodha
٢٢.Rabbii wajjin gabbaramaa biraa hin taasisin; (yoo waliin gabbarte) balaaleffatamaa, salphataa taatee teessa
٢٣.Gooftaan keetis akka isin Isa malee homaa hin gabbarreefi haadhaa abbaa keessanitti tola ooltan murteessee jiraYoo odoo ati lubbuun jirtuu tokkoon isaanii yookiin lamaanuu sadarkaa dullummaa irra ga’an, jecha hifannaa (tuffii) isaaniin hin jedhinIsaaniinis hin lolinJecha kabajaa isaaniin jedhi
٢٤.Isaaniif rahmata godhuuf jecha koola (qoochoo) xiqqeenyaa isaaniif gadi qabi“Gooftaa kiyya! Akkuma isaan anaa xiqqaa ta’ee na guddisan Atis rahmata isaaniif godhi” jedhi
٢٥.Gooftaan keessan waan lubbuu keessan keessa jiru akkaan beekaYoo namoota gaggaarii taataniif Inni warra akkaan gara Isaatti deebi’aniif araaramaa ta’eera
٢٧.Dhugumatti, warri qisaasan obboleeyyan sheyxaanaa ta’aniiruSheyxaannis Gooftaa isaatti akkaan kafaraa ta’eera
٢٨.Yoo kennaa Gooftaa kee irraa ta’e kan isii kajeeltu barbaaduuf jecha isaan irraa gara galte, jecha laafaa isaaniin jedhi
٢٩.Harka keeti gara morma keetiitti sakaalamaa hin godhinDiriirinsa hundas isa hin diriirsinKomatamaa, sheena’aa taatee teessa
٣٠.Dhugumatti Gooftaan kee kennaa nama fedheef ni bal’isa; (nama fedhe irratti) ni dhiphisasDhugumatti, Inni gabroota Isaa beekaa, argaa ta’eera
٣١.Ilmaan keessanis sodaa hiyyummaatiif jecha hin ajjeesinaaIsaaniifi isinis Nutu sooraDhugumatti, isaan ajjeesuun badii guddaa ta’eera
٣٣.Lubbuu Rabbiin (ajjeessuu) haraama godhe haqaan ala hin ajjeesinaaNama miidhamee ajjeefames nama isa dhaaluuf aangoo (dhiiga gaafachuu isaaf) kenninee jirraAjjeechaa keessatti daangaa hin dabrinDhugumatti, inni tumsamaa ta’eera
٣٤.Qabeenya yatiimaas, kaayyoo gaariif malee hanga inni cimina isaa ga’utti itti hin dhihaatinaaWaadaas guutaaDhugumatti, waadaan gaafatamaa ta’ee jira
٣٥.Yeroo safartanis safara guutaaMadaala qajeelaa ta’eenis madaalaaKun waan gaariidha; booddeen isaas bareedaadha
٣٦.Waan beekumsa isaa hin qabne hin hordofinDhugumatti, dhageettiin argaaniifi onneenis, kun hundinuu isa irraa gaafatamaa ta’eera
٣٩.Kuni beekumsa irraa waan Gooftaan kee gara keetti wahyii godheedhaRabbii wajjinis gabbaramaa biraa hin taasisin(Yoos) komatamaa, fageeffamaa taatee jahannam keessatti darbamta
٤٠.Sila Gooftaan keessan isiniif ilmaan dhiiraa fileeti ofiif maleeykota irraa ilmaan dubaraa godhatee? Dhugumatti, isin jecha guddaa jettu
٤١.Dhugumatti, Nuti Qur’aana kana keessatti akka (isaan) gorfamaniif deddeebinee ifa goonee jirraBaqa malee homaa isaaniif hin dabalu
٤٢.Jedhi: “Odoo akka isaan jedhan Isa waliin gabbaramtoonni biraa jiraatanii, silaa gara abbaa Arshiitti karaa barbaaddatu turan.”
٤٤.Samiin torbaniifi Dachiin, akkasumas wanni isaan keessa jiran hundi Isa faarsuWanti tokkos kan odoo faaruu Isaatiin Isa hin qulqulleessin hafu hin jiruGaruu isin faaruu isaanii hin beektanuDhugumatti, Inni obsaa, araaramaa ta’eera
٤٥.Yeroo Qur’aana dubbiftus gidduu keetiifi gidduu warra Aakhiraatti hin amannee haguuggii hin mul’anne taasifna
٤٦.Akka isaan isa (Qur’aana) hin hubannes onnee isaanii irratti haguuggii, gurra isaanii keessatti immoo duuchaa goonee jirraYeroo Qur’aana keessatti maqaa Gooftaa keetii kophaa Isaa dubbatte, baqataa dugda galu
٤٧.Nuti yeroo isaan gara kee dhaggeeffatan, yeroo isaan maqoo (iccitii) hasaasan, yeroo miidhaa raawwattoonni “namticha sihriin tuqame malee waan biraa hin hordoftanu” (waliin) jedhanis waan isaan isa dhageeffataniif ni beekna
٤٨.Fakkeenya akkamii akka siif taasisan ilaaliIsaan jallatanii jiru; karaa (sirrii argachuus) hin danda’anu
٤٩.Ni jedhus: “sila nuti erga (duunee) lafeefi bututaa (tortoraa) taanee booda uumama haarawa taanee kaafamoo dhaa?”
٥١.Yookiin uumama qoma keessan keessatti (kaafamuun) guddatus ta’aa (kaafamuun keessan hin hafu).” Ergasiis “Eenyutu nu deebisa” jedhu“Isa yeroo jalqabaa isin uumeedha” jedhiMataa isaanii sitti raasuuf jiruNi jedhus: “Inni sun yoomi ree?” “Dhihoo ta’uun mirkanaa’aadha” jedhiin
٥٢.Guyyaa Inni isin waamnaan, isin Isa faarsaa owwaattanii, yeroo gabaabaa malee turuu dhabuu yaaddan (ta’uun mirkanaa’e)
٥٣.Gabroota kiyyaan “jecha gaggaarii dubbadhaaDhugumatti, sheyxaanni gidduu isaanii balleessaDhugumatti, sheyxaanni ilma namaatiif diina ifa bahaadha” jedhiin
٥٤.Gooftaan keessan akkaan isin beekaadhaYoo fedhes rahmata isiniif godha; yookiin yoo fedhe isin adabaNuti isaan irratti itti gaafatamaa goonee si hin ergine
٥٥.Gooftaan keenama samiifi dachii keessa jiru akkaan beekaadhaNuti dhugumatti nabiyyoota garii garii irra caalchifnee jirraDaawudiif zabuur kennineerra
٥٦.“Warra Isa (Rabbii) gaditti (gabbaramaadha) jettan san waammadhaa! (Isaan) miidhaa isin irraa fuudhuus ta’ee naannessuu hin danda’an” jedhiin
٥٧.Warri isaan yaammatan sun eenyuu isaaniitu gara Rabbiitti irra dhihaataadhaan dhiheenya barbaadu.[] Rahmata isaas ni kajeeluadabbii isaas ni sodaatuDhugumatti, adabbiin Rabbii keetii sodaatamaa ta’ee jira
٥٨.Magaalota kamiyyuu Guyyaa Qiyaamaatiin dura ishee balleessinu yookiin adabbii cimaa ishee adabnu malee hin haftuSun kitaabicha keessatti barreeffamaa ta’eera
٥٩.Mallattoolee keenya erguu wanti Nu dhorge warri duraa ishee kijibsiisuu malee hin jiruSamuudiifis gaalattii dhaltuu akka mallattoo ifa galaatti kenninee jirraIsheettis kafaranii (halaakamani)Nuti sodaachisaaf malee mallattoo hin erginu
٦٠.Yeroo “dhugumatti, Gooftaan kee namootaan marseera” siin jennes [yaadadhu]Arginsa kee ishee (halkan Israa’ii) si argisiifne san, namoota ittiin mokkoruuf qofa malee waan biraatiif hin gooneMukattii Qur’aana keessatti abaaramtes (mokkoroof malee hin goone)Nuti isaan sodaachifna; inni daangaa dabriinsa guddaa malee waan biraa isaaniif hin dabalu
٦١.Yeroo maleeykotaan “Aadamiif sujuuda godhaa” jennes [yaadadhu]Ibliis malee isaan sujuuda godhanInni (Ibliis) “sila ani nama Ati dhoqqee (biyyee) irraa uumteefin sujuuda godhaa?” jedhe
٦٢.(Ibliis) ni jedhe: “Mee naaf himi! Isa Ati ana caalaa kabajje kana, yoo hanga Guyyaa Qiyaamaatti na tursiifte, sanyii isaa muraasa malee garan fedhen harkisa.”
٦٣.(Rabbiin) ni jedhe: “Deemi! Namni isaan irraa si hordofes dhugumatti, jahannam galata keessan galata guutamaa ta’eedha
٦٤.Isaan irraa nama dandeesses sagalee keetiin kakaasiYaabbattoota keetiifi lafoo keetiinis isaan irratti gulufsiisiQabeenyaafi ilmaan keessattis isaanitti qindaa’ii waadaas isaaniif gali.” Sheyxaanni gowwoomsuu malee homaa waadaa isaaniif hin galu
٦٦.Gooftaan keessan Isa akka tola Isaa irraa barbaaddattaniif, doonii galaana keessa isiniif deemsisuudhaDhugumatti, Inni isiniif rahmata godhaa ta’eera
٦٧.Yeroo rakkoon wahii galaana keessatti isin tuqes, Isa malee namoonni isin kadhachaa turtan (hundi) ni baduYeroma Inni gara dachiitti isin baase (Isa irraa) gara galtanNamnis akkaan kafaraa ta’eera
٦٨.Sila (Rabbiin) cinaa dachii isiniin kutuu yookiin bubbee cirrachaa isin irratti erguu, ergasii hirkoo argachuu dhabuu keessan hin sodaattanuu
٦٩.Yookiin immoo yeroo biraa isa (galaana) keessatti isin deebisee yeroma san hobonboleettii isinitti ergee, sababa isin kafartaniif isin balleessee ergasii isaan (adaba sanaan) isiniif Nu irratti hordofaa argachuu dhabuu keessan hin sodaattanuu
٧٠.Dhugumatti, Nuti ilmaan Aadam kabajneerraDachiifi galaana keessattis isaan baadhanneerraWantoota gaggaarii (halaala) irraas soorata isaaniif kennine jirraIrra hedduu wanta uumnee irras caalchisuu isaan caalchifnee jirra
٧١.Guyyaa nama hunda imaamota isaaniitiin waamnu [yaadadhaa]Namni galmeen (kitaabni) isaa mirga isaatiin kennameef, warri sun kitaaba isaanii ni dubbisu; hanga qajjiisa baqaqaa firii timiraa keessaallee hin miidhamanu
٧٢.Namni addunyaa keessatti jaamaa (qalbii) ta’e, aakhiraa keessattis jaamaadha; karaadhaanis irra jallataadha
٧٣.Dhugumatti, isaan waan Nuti gara keetti wahyii goone irraa, akka ati soba isaan ala ta’e Nu irratti uumtuuf jecha si jallisuutti dhiyaatanii turanOggas jaalallee si taasifatu ture
٧٥.Oggas Nuti (adabbii) dachaa kan jireenyaatiifi (adabbii) dachaa du’aa si dhandhamsiifna tureErgasii ati Nurraa tumsaa hin argattu
٧٦.Dhugumatti, isaan akka ishee irraa si baasaniif dachii keessatti si shororkeessuutti dhihaatanii jiruYoos, si booda xiqqoo malee hin turan ture
٧٧.Karaa ergamtoota keenya irraa nama si dura erginee (karaa siif goone)Karaa keenyaaf jijjiirama hin argitu
٧٨.Aduun dabuu irraa hanga dukkana halkaniitti salaata ulaagaa ishee guutii sagadiSalaata fajriis (sagadi)Salaanni fajrii (maleykaadhaan) hirmaatamaa ta’eera
٧٩.Halkan irraas isaan (Qur’aanaan) haala (salaata) dabalataa siif taateen sagadiGooftaan kee iddoo faarfamaa ta’e si dhaabuun mirkanaa’aadha
٨٠.Jedhis: “(yaa) Gooftaa kiyya! Seensa gaarii naseensisiBa’iinsa gaariis na baasiSi biraas ragaa na gargaaru naaf taasisi
٨٢.Nuti Qur’aana irraa waan qorichaafi rahmata mu’uminootaaf ta’e kan miidhaa raawwattootaaf hoongoo malee homaa hin daballe buufna
٨٣.Yeroo ilma namaa ni’imaa keenyaan qanansiifnes, garagaleeti cinaa isaatiin (dhugaa) irraa fagaataYeroo hamtuun isa tuqes, abdii murataa ta’a
٨٤.Jedhi: “Hunduu karaa isatti fakkaateen dalagaGooftaan keetis nama karaan isaa qajeelaa ta’e akkaan beekaadha.”
٨٥.Ruuhii irraa si gaafatu“Ruuhiin dhimma (amrii) gooftaa kiyyaatiBeekumsa irraa waan xiqqoo malee isiniif hin kennamne” jedhiin
٨٦.Odoo feenee isa gara keetti wahyii goone ni deemsifna turreErgasii siif Nurraa isa (deebisutti) itti gaafatamaa hin argattu
٨٧.Garuu rahmata Gooftaa kee irraa ta’eef (isa eegne)Dhugumatti, tolli Isaa si irratti guddaa ta’eera
٨٨.Jedhi: “odoo ilmi namaatiifi jinnoonnis fakkaataa Qur’aana kanaatiin dhufuu irratti walitti qabamanii, odoo gariin isaanii gariif gargaaraa ta’aniis fakkaataa isaatiin hin dhufan.”
٨٩.Dhugumatti, Nuti Qur’aana kana keessatti fakkeenyota hunda irraa namootaaf addeessinee jirraIrra hedduun namootaa kafaruu malee didanii jiru
٩١.Yookiin (hanga) oyruu muka timiraatiifi Inabaa irraa siif ta’ee, ergasii isa keessa laggeen yaasiinsa yaaftutti (hin amannu)
٩٢.Yookiin (hanga) akka jettetti kutaa samii irraa taate nu irratti kuffiftutti yookiin (hanga) Rabbiifi maleeykota fuuldura keenya fiddutti (hin amannu)
٩٣.Yookiin (hanga) manni faaya warqee irraa ta’e siif ta’utti yookiin (hanga) samii keessa ol baatutti; ol ba’iinsa keettis hanga kitaaba dubbifnu nuuf buuftutti hin amannu” (jedhu)“Gooftaan kiyya qulqullaa’ee jiraSila ani nama ergamaa (Rabbii) ta’ee ergame malee waan biraa ta’eeraa?” jedhi
٩٤.Namootas yeroo qajeelfamni (Rabbii) isaanitti dhufe “sila Rabbiin nama ergamaa taasisee ergaa?” jechuu malee homtuu amanuu isaan hin dhorgine
٩٥.“Odoo dachii keessa maleykonni tasgabbaa’anii deeman kan jiraatan ta’ee, silaa maleykaa samii irraa ergamaa taasifnee isaan irratti buufna turre” jedhi
٩٦.“Gidduu kiyyaafi gidduu keessanitti ragaaf Rabbiin ga’aadhaDhugumatti, Inni gabroota Isaa irratti beekaa, argaa ta’eera” jedhiin
٩٧.Namni Rabbiin qajeelche, isatu qajeelaadhaNama Inni jallises, isaaniif Isaa gaditti gargaartota hin argituufGuyyaa Qiyaamaas fuula isaanii irratti, jaamaa, arrabaa qabamaafi gurraa duudaa ta’anii isaan kaafnaTeessoon isaaniis jahannamiDhawaata isiin gadi laaftuun gubaa ibiddaa isaaniif daballa
٩٨.Waan isaan keeyyattoota keenyatti kafaranii “sila yeroo lafeefi biyyee taane, nuti dhugamatti uumama haara’a taanee kaafamoodhaa?” jedhaniif kun mindaa isaaniiti
٩٩.Sila akka Rabbiin samiifi dachii uume fakkaataa isaanii uumuu irratti danda’aa ta’eefi beellama isa keessa shakkiin hin jirre isaaniif taasise ta’uu hin ilaallee? Miidhaa dalagdoonni (Rabbitti) kafaruu malee ni didan
١٠٠.Jedhi: “odoo isin dilbii rahmata Gooftaa kiyyaa dhuunfattanii, silaa dhumuu sodaaf (of biratti) qabattu turtan.” Ilmi namaa akkaan don’a ta’eera
١٠١.Dhugumatti, Muusaaf mallattoolee ifa ta’an sagal kennineefii jirraIlmaan Israa’iil, yeroo inni isaanitti dhufnaan Fir’awnis “yaa Muusaa! Ani dhugumatti sihriin qabamaa ta’uun si yaada” isaan jedhe gaafadhu
١٠٢.(Muusaanis) ni jedhe: “Ati dhugumatti isaan kana haala ragaa ifa ba’aa ta’aniin Gooftaa samiifi dachii malee homtuu hin buusin sirritti beektee jirtaAnis yaa Fir’awn! Dhugumatti, ati halaakamaa ta’uun si yaada.”
١٠٣.Dachii (Misraa) irraas isaan baasuu fedheIsaafi namoota isa waliin turan hundas bishaan isaan nyaachifne
١٠٤.Nutis isa booda ilmaan Israa’iiliin ni jenne: “dachii keessa jiraadhaaYeroo beellamni boodaa (Qiyaamaan) dhufe, hunda keessaniin dhufna.”
١٠٥.Nutis dhugaan isa (Qur’aana) buufne; innis dhugaan bu’eGammachiisaafi sodaachisaa goonee malee Nuti si hin ergine
١٠٦.Qur’aana akka ati suuta suutaan namoota irratti isa dubbiftuuf isa qoqqoodne; buusiinsas isa buufne
١٠٧.Jedhi: “Isatti amanaa yookiinis hin amaninaa; dhugumatti, isaan isa dura beekumsa kennaman, yeroo inni isaan irratti dubbifame fuula isaaniitiin sujuuda bu’u.”
١١٠.Jedhi: “Allaah kadhaa yookiin Rahmaaniin kadhaa; kamiinuu yoo kadhattan Isaaf maqoota babbareedaa ta’antu jiraSalaata kee keessatti (baay’ee) sagalee kee ol hin fuudhin; (baay’ee) gadis hin qabatinGiddu (lamaan) sanitti karaa godhadhu
١١١.”Faaruun hundi kan Rabbii ilma hin godhatiniiti, kan mootummaa keessatti hiriyyaa hin qabneefi kan sababa salphinaa gargaaraan isaaf hin jirreeti” jedhiGuddisuu Isa guddisi