2.Dhugumaatti, sodaachisaan isaan irraa ta’e isaanitti dhufuu dinqisiifatanKaafiroonni “kun waan dinqisiisaadha” jedhan
5.Dhugumatti isaan dhugaa, yeroo inni isaanitti dhufu sobsiisanii jiruIsaan dubbii wal makataa keessa jiru
6.Sila gara samii gubbaa isaanii jirtuu, kan uraa homaatuu hin qabne, akkamitti akka ishee ijaarreefi miidhagsine hin ilaallee
7.Dachii diriirsinee gaarreen dhaabbatoo ishee keessatti gadi suuqnee akaakuu (biqiltootaa) babbareedoo hunda irraa ishee keessatti magarsine
9.Samii irraas bishaan barakaa qabu buufnee ergasii isaan ashaakiltiiwwaniifi firiiwwan haamamanis biqilchine
11.Gabroota nyaachisuuf jecha (buufne)Isaan (bishaan saniin) dachii duutuu jiraachifneBaafamuunis akkasuma
14.Warri bosonaafi ummanni Tubba’isHunduu ergamtoota sobsiisanii, adabbiin kiyya isaanitti mirkanaa’e
15.Sila Nuti uumaa duraatiin ni dadhabnee? Lakkii! Isaan uumaa haarawa irraa shakkii wal makate keessa jiru
16.Nuti dhugumatti, nama uumneerraWaan lubbuun isaa itti hasaastus ni beeknaNuti (beekumsa keenyan) hidda dhiigaa (hamaa) irra gara isaatti dhihoodha
17.Yeroo (maleeykonni) jecha fuudhan lamaan mirgaafi bitaa isaa irra taa’anii jecha fuudhan (nuti gara isaatti dhihoo dha)
22.“Ati kana irraa daguu keessa turteNuti haguuggaa kee sirraa kaafneKanaafuu ijji kee har’a qara” (jedhamaan)
27.Hiriyaan isaa (kan sheyxaanaa) ni jedha: “Gooftaa keenya! Ani daangaa isa hin dabarsineGaruu isumatu jallina fagoo ta’e keessa ture.”
28.Rabbiin ni jedha: “Ana biratti wal hin falminaa; Ani dursee sodaachisa kiyya gara keessanitti ergeera
30.Guyyaa Nuti jahannamiin “sila guutamteettaa?” jennuun, isheen immoo “dabalanni jiraa?” jettu (hin jijjiiramu)
32.Cufa nama akkaan gara Rabbii deebi’aa tikfataa ta’eetiin “kun waan waadaa galamtaniidha” (jedhama)
36.Isaan dura dhaloota humnaan isaan irra ciccimoo turan baay’ee balleessinee jirraBiyya keessa “iddoo baqaa argannaa?” jechaa fiigaa turan
37.Dhugumatti, nama onnee qabuuf yookiin isa yeroo (gorsa) irratti hirmaatu gurra itti kennuuf, sana keessa yaadannootu jira
38.Dhugumatti, Nuti samiifi dachii, akkasumas wantoota gidduu isaanii jiran guyyoota jaha keessatti uumne; dadhabbiin tokkoyyuu Nu hin tuqne
39.Waan isaan jedhanu irratti obsiFaaruu Rabbii keetiitiinis baha biiftuu duraafi lixa (ishee) dura salaati
44.Guyyaa dachiin isaan irraa ariitiidhaan babbaqaqxu (deebiin garuma keenya)Sun walitti qabuu Nurratti laafaa ta’eedha
45.Nuti akkaan beekoo waan isaan jedhaniitiAtis isaan irratti moosifamaa hin taaneNama adabbii kiyya sodaatu Qur’aanaan gorsi