غالی آپاپور آپاغونا · Afaan Oromoo

1.(Yaa Muhammad!) Nuti injifannoo ifa ta’e si gonfachiifneerra
25.Isaan warra kafaranii, masjiida kabajamaa (seenuu) irraa isin dhorganii, horii wareegaas akka iddoo qalma isaanii hin geenye dhorgamaa godhaniidhaOdoo dhiirotiin mu’uminoota ta’aniifi dubartoonni mu’uminoota ta’an kan isin hin beekne jiraachuu baatanii; isin isaan irra ejjachuun (ajjeesuun) jiraachuu baatee; odoo hin beekin isaan irraa rakkinni (diliin) isin tuquun jiraachuu baatee (Rabbiin isiniif hayyama ture)Rabbiin nama fedhe rahmata Isaa keessa seensisuuf (hin hayyamini)Odoo (mu’uminootaafi kaafiroonni) addaan bahanii silaa isaan irraa warra kafaran adabbii laalessaa ta’een adabna turre
29.Muhammad ergamaa RabbiitiWarri isaa wajjin jiranis kuffaara irratti ciccimoo, gidduu isaanitti immoo wal mararfatoodhaTolaafi jaalala Rabbii barbaachaaf rukuu’aafi sujuuda kan baay’isan argitaMallattoon isaanii faanaa sujuudaa irraa ta’ee fuula isaanii keessa jiraSun fakkeenya isaanii kan Tawraat keessaatiFakkeenyi isaanii kan Injiil keessa jiru immoo akka midhaan lakkuu isaa baasee isa jabeessee, furdatee, jirma isaa irratti dhaabbatee, facaafattoota jaalachiisuuti(Wanni akkanatti isaan jabeessef) akka isaaniin kaafirtoota dallansiisuufiRabbiin isaan irraa warra amananii gaggaarii hojjatan araaramaafi mindaa guddaa waadaa isaaniif galee jira
سورہ فتح – ترجمہ غالی آپاپور آپاغونا (Afaan Oromoo) | FORGHAN