1.Faaruun hundi kan Rabbii uumaa samiifi dachii ta’e, kan maleykotas ergamtoota abbootii kooluuwwan lama lamaa, sadi sadiifi afur afurii taasiseef haa ta’uUumama keessattis waan fedhe ni dabalaDhugumatti, Rabbiin waan hunda irratti danda’aadha
2.Rahmata irraa wanta Rabbiin namaaf bane wanti ishee dhorgu tokkoyyuu hin jiruWanta Inni dhorges Isa boodaan wanti ishee gadi dhiisu (ergu) hin jiruInnis injifataa, ogeessa
3.Yaa namootaa! Ni’imaa Allaah of irratti yaadadhaaSila Rabbiin ala uumaan biraa kan samiifi dachii irraa soorata isiniif kennu ni jiraa? Isa malee gabbaramaan haqaa hin jiruKanaafuu akkamitti isa (irraa) garagaltu
4.(Yaa Muhammad!) Yoo si sobsiisan, ergamtoonni si duraas (akkuma kee) sobsiifamanii jiruDhimmoonni hundis gara Rabbiitti deebifamu
5.Yaa namootaa! Dhugumatti, waadaan Allaah dhugaadhaKanaafu jireenyi addunyaa akka isin hin gowwoomsineGowwoomsaan (Sheyxaanni) (obsa) Rabbiitiin akka isin hin gowwoomsine
6.Dhugumatti, Sheyxaanni isiniif diinaa, isinis diina isa godhaaGareewwan isaas akka warra ibidda boba’aa (seenu) ta’aniif isaan waama
7.Isaan kafaran adabbii cimaatu isaaniif jiraIsaan amananii, gaggaarii hojjatan immoo araaramaafi mindaa guddaatu isaaniif jira
8.Sila namni fokkataan hojii isaa isaaf bareechifame, kan gaarii taasisee ishee ilaalu (isa karaa qajeelaa irra jiruu wajjin wal qixa ta’aa)? Dhugumatti, Allaahn nama fedhe ni jallisa; nama fedhe immoo ni qajeelchaKanaafuu isaan irratti lubbuun kee sheenaadhaan akka hin baaneDhugumatti, Allaahn waan isaan hojjatan beekaadha
9.Allaahnis Isa qilleensa ergee, isheenis duumessa ol kaaftee gara lafa duuteetti isa oofnee dachii erga isheen duutee booda ittiin jiraachifneKaafamni Qiyaamaas akkuma kana
10.Namni jabeenya fedhe (Rabbiin bira haa barbaadu)Jabeenyi hunduu kan RabbiitiHaasofni gaariin gara isaa ol bahaDalagaa gaariitu isa ol fuudhaIsaan hojii gadheef tooftaa baasan adabbii cimaatu isaaniif jiraTooftaan isaanii inuma bada
11.Rabbiin biyyee irraa, ergasii bishaan irraa isin uumee, ergasii cimdii isin taasiseBeekumsa Isaatiin ala dubartiin kamillee hin ulfooftu; hin deessusNamni umrii dheereffame tokkollee, kitaaba keessa jiraatu malee umriin isaa hin dheereffamuUmrii isaa irraa hin hir’ifamus; dhugumatti, sun Allaah irratti laafaadha
12.Galaanni lamaan wal qixa hin ta’anu; inni tokko mi’aawaa, dheebu kutaa, dhugaatiin isaas mijaa’aadha; inni kun immoo ashaboo akkaan kuraawaadhaHunduma irraayyuu foon haarawa ni nyaattu; faaya ishee uffattanus ni baafattuAkka tola isaa irraa barbaaddattanuufi akka isa galatoomfattanuuf dooniiwwan isa (galaana) keessa baqaqsituu taatee (kan deemtu) agarta
13.Inni halkan guyyaa keessa seensisa; guyyaas halkan keessa seensisaAduufi ji’as ni laaffise; hunduu hanga beellama beekamaa ta’eetti (orbitii isaanii irra) yaa’uInni (kana hojjate) kun Rabbii keessan AllaahdhaIsaan isin Rabbii gaditti kadhattan wanta hanga qola haphii ija timiraallee hin qabanu
14.Yoo isaan kadhattanis, kadhaa keessan hin dhagahan; odoo dhagahaniis isiniif hin owwaatanGuyyaa Qiyaamaas shirkii keessan ni mormu(Yaa Muhammad!) Akka Rabbii keessa beekaatti homtuu siif hin odeessu
18.(Lubbuun) badii hojjattu (tokkos) badii lubbuu biraa hin baadhattu(Lubbuun) ba’aan (badiin) itti ulfaate tokkos akka ba’aa ishee namni biraa irraa baadhatu yoo gaafattes, odoma fira ishee ta’eellee ishee irraa homaayyuu hin baadhatamuKan ati akeekkachiiftu isaan Rabbii isaanii fagootti sodaatanii, Salaatas gadi dhaabaniidhaNamni (badii irraa) of qulqulleesse, kan inni of qulqulleessu matuma isaatiifiDeebi’iinsi garuma Rabbiiti
22.Namoonni lubbuun jiraniifi isaan du’anis wal qixaa mitiDhugumatti, Allaahn nama fedhe ni dhageessisaAti garuu nama awwaala keessa jiru dhageessisaa miti
24.Nuti gammachiisaafi akeekkachiisaa taasifnee dhugaadhaan si erginee jirraUmmanni tokkollee kan akeekkachiisaan isaan keessatti hin ergamin hin jiru
25.Yoo si sobsiisanis, warri isaaniin duraas dhugumatti (ergamoota) sobsiisanii jiruErgamtoonni isaanii ragaalee ifa ta’aniin, kitaabota wanta hunda of keessatti hammataniifi kitaaba ibsaa ta’een, isaanitti dhufanii turan
27.Rabbiin bishaan samii irraa buusee, ittiin fuduraalee bifti isaa adda adda ta’e akka biqilchine hin arginee? Gaarreen irraas karaalee adaadiifi diddiimaa, bifti isaanii gara gara ta’eefi akkaan gurraacha ta’anis (akka uumne hin arginee)
28.Namoota, lubbu qabeeyyiifi beyladoota irraahis warra bifti isaanii akkasuma gara gara ta’es ni uumneGabroota Isaa irraas kan Allaah sodaatan beektota qofaDhugumatti, Rabbiin injifataa, araaramaadha
29.Dhugumatti, isaan kitaaba (Qur’aana) Rabbii dubbisanii, salaatas sirnaan dhaabaniifi kan waan Nuti isaaniif kennine irraa dhoksaafi ifattis kennan, daldala kasaaraa hin qabne kajeelu
30.Akka Inni (Rabbiin) mindaa isaanii guutee isaaniif kennuufi tola isaa irraas isaanii dabaluuf (kajeelu)Dhugumatti, Inni araaramaa, galateeffataadha
31.Kitaaba (Qur’aana) irraa waan isa duraa kan dhugoomsu ta’ee kan Nuti gara keetti buufne isatu dhugaadhaDhugumatti Rabbiin gabroota isaa akkaan beekaa argaadha
32.Ergasii kitaabicha (Qur’aana kana) isaan gabroota keenya keessaa filanne dhaalchifnee jirraIsaan irraas nama lubbuu ofii miidhutu jira; isaan irraas nama karaa giddu galeessaa filatutu jiraIsaan irraas warra hayyama Rabbiitiin hojiiwwan gaggaarii irratti dursantu jiraSun isumatu tola guddaadha
33.Jannata qubannaa kan ishee seenan, ishee keessattis gumeewwan warqee irraa ta’aniifi faaya uffifamantu (isaaniif jira)Uffanni isaaniis ishee keessatti hariira
34.Ni jedhus: “faaruun kan Rabbii gadda nurraa deemsiseetiDhugumatti, Gooftaan keenya araaramaa, galateeffataadha
35.(Inni) Isa tola Isa irraa ta’een mana jireenyaa kan gonkumaa keessaa hin baane, kan ishee keessatti rakkoon nu hin tuqneefi kan ishee keessattis dadhabbiin nu hin tuqne keessa nu qubachiiseedha
36.Isaan kafaran ibidda jahannamtu isaaniif jiraIsaanitti murteeffamtees hin du’anuadabbii ishee irraas homtuu isaan irraa hin salphifamuAkkaan kafaraa hunda akka kanatti mindeessina
37.Isaanis ishee keessatti “(Yaa) Gooftaa keenya! Isa duraan hojjachaa turreen ala toltuu hojjennaa nu baasi” jechuun ishee keessaa waywaatu“Sila umrii dheeraa namni gorfamuu fedhe isa keessatti gorfamuu danda’u isin hin jiraachifnee? akeekkachiisaanis isinitti hin dhufnee? (Adaba kiyya) dhandhamaa; miidhaa hojjattootaaf tumsaan hin jiru.”
39.Inni Isa dachii keessatti bakka bu’oota isin godheNamni kafare kufriin isaa isuma irrattiKaafiroota kufriin isaanii Rabbii isaanii biratti jibbaa malee homaa isaaniif hin dabaluKaafiroota kufriin isaanii hoongoo malee homaa isaaniif hin dabalu
40.“Sila hiriyoota (shariikoota) keessan kan Rabbiin ala gabbartan mee naaf himaa? Dachii irraa waan isaan uuman mee na argisiisaaSila samii (uumuu) keessatti hirmaannaan isaaniif ni jiraa? Moo kitaaba isaan ragaa qabatamaa isa irraa ta’e irratti jiran isaaniif kenninee? Lakkisaa; miidhaa hojjattoonni gariin isaanii gariif wal gowwoomsuu malee homaa waadaa waliif hin galanu
41.Dhugumatti, Rabbiin samiifi dachiin akka hin deemne qabaOdoo bakkaa deemaniis Isa malee wanti tokkoyyuu isaan lamaan hin qabuInni obsaa, araaramaa ta’eera
42.Yoo akeekkachiisaan isaanitti dhufe ummatoota kamillee caalaa qajeelaa taana jechuun kakuu isaanii cimaa Rabbitti kakatanYeroma akeekkachiisan isaanitti dhufu (dhugaa irraa) dheefa malee homaa isaaniif hin daballe
43.Dachee keessatti boonaafi tooftaa dharaa (malee isaaniif hin daballe)Tooftaan hamaan abbaa isaatti malee hin marsuSila karaa warra durii malee maal eegan? Karaa Rabbiitiif jijjiirama hin argitu; karaa Rabbiitiif (nama biraatti) naannessuu hin argitu
44.Sila isaan dachii keessa deemanii booddeen warra isaaniin duraa oduma humnaanis isaan irra cimoo ta’anii akkam akka ture hin ilaalanuu? Rabbiin samii keessattiifi dachii keessattis wanti isa dadhabsiisu hin jiruInni beekaa, danda’aa ta’eera
45.Rabbiin odoo namoota waan isaan hojjataniif qabee dugda ishee (dachii) irratti lubbu qabeeyyii tokkoyyuu hin dhiisu tureGaruu hanga yeroo beekamaatti isaan tursiisaYeroon isaanii hoggaa dhufe (mindeessa)Rabbiin gabroota isaa argaa ta’eera