الليل
غالي آبابور آباغونا · Afaan Oromoo
١.
Halkaniin (nan kakadha); yeroo (inni) haguuge
٢.
Guyyaanis yeroo inni mul'ate
٣.
Isa kormaafi dhalaa uumeenis
٤.
Dhugumatti, dalagaan keessan adda adda (wal dhaba)
٥.
Namni kennatee Rabbiin sodaate
٦.
Islaamummaas dhugoomse
٧.
(Karaa) laaftuuf isa laaffisuuf jirra
٨.
Nama don’oomee of ga’e
٩.
Islaamummaa sobsiise immoo
١٠.
(Karaa) jabduuf isa laaffisuuf jirra
١١.
Yeroo inni (ibiddatti) kufu qabeenyi isaa isa hin fayyadu
١٢.
Dhugumatti, karaa qajeelaa ifa galchuun (mul'isuun) Nurra jira
١٣.
Dhugumatti, Aakhiraafi addunyaan keenya
١٤.
Ibidda qabsiifamaa ta'e isin sodaachise
١٥.
Hoonga’aa malee ishee hin seenu
١٦.
Kan sobsiisee gara gale (malee)
١٧.
Namni Rabbiin sodaatu immoo ishee irraa fageeffamuuf jira
١٨.
Kan qabeenya isaa qulqulleeffachuuf kennu
١٩.
Haala isa bira nama tokkoof galanni galfamu hin jirreen (kan kennatu)
٢٠.
Fuula Gooftaa isaa ol aanaa ta'e barbaachaaf malee (hin kennu)
٢١.
Dhugumatti, inni fuulduratti jaalachuuf jira
السورة السابقة
السورة التالية