الطارق
غالي آبابور آباغونا · Afaan Oromoo
١.
Samiifi (urjii) halkan dhufaa ta’eenin (kakadha)
٢.
(Urjii) halkan dhufaa ta’e maaltu si beeksise
٣.
(Inni) urjii ifti isaa dukkana uraa ta’eedha
٤.
Lubbuun hundi tiksaan ishee irra jiraatu malee hin hafu
٥.
Namni maal irraa akka uumame haa ilaalu
٦.
Bishaan utaalaa irraa uumame
٧.
Jidduu dugdaatiifi qomaatii kan ba’u
٨.
Inni isa deebisuu irratti danda’aadha
٩.
Guyyaa iccitiiwwan ifa ba'an
١٠.
(Gaafas) humnas ta’ee tumsaan isaaf hin jiru
١١.
Samii abbaa deddeebiitiinin (kakadha)
١٢.
Dachii dhodhootuunin (kakadha)
١٣.
Dhugumatti, inni (Qur'aanni) jecha adda baasaadha
١٤.
Inni qoosaa hin taane
١٥.
Dhugumatti, isaan tooftaa baasu
١٦.
Anis tooftaan baasa
١٧.
Kaafirootaaf yeroo kenniAmmas xinnoo yeroo kenniif
السورة السابقة
السورة التالية