١.(Rabbiin) Inni mootummaan waan hundaa harka Isaa jiru tolli isaa baay'ateInni waan hunda irratti danda'aadha
٢.(Rabbiin) Isa eenyuu keessantu irra toltuu akka hojjatu isin qoruuf jecha du'aafi jireenya uumeedhaInnis injifataa, araaramaadha
٣.(Rabbiin) Isa samii torba wal jalaa gubbaan uumeedha; uumaa Rahmaan keessatti wal dhabbii irraa homaa hin argituMee agartuu kee (gara samii) deebisii dhoohaa irraa waan ta'e ni argitaa
٥.Dhugumatti, samii addunyaa ibsaawwaniin (urjiiwwaniin) miidhagsineerraSheyxaanotaafis furguuggee ishee gooneIsaaniifis adabbii ibidda boba'aa qopheessineerra
٧.Yeroo ishee keessatti darbamanis haala isheen danfuutti jirtuun isheedhaaf (sagalee akka) halaaka harree dhaga'u
٨.Dallansuu irraa kan ka'e ciccituutti dhihaatti; dhawaata gareen wahii ishee keessatti darbamuun waardiyyaan ishee "sila akeekkachiisaan (nabiyyiin) isinitti hin dhufnee?" (jechuun) isaan gaafata
٩.Eeyyeen; dhugumatti akeekkachiisaan nutti dhufeera; sobsiifneeti 'Rabbiin homaa hin buufne; isin jallina guddaa keessa jirtu' jenneen" jedhu
١٠.Odoo kan dhageenyu yookiin kan xiinxallu taanee, silaa warra ibidda boba'aa keessaa hin taanu turre" jedhan
١٥.Inni Isa dachii laaffifamtuu isiniif godheedha; naannoo ishee keessa deemaatii soorata Isaa irraas nyaadhaaDeebiinis garuma Isaatti
١٧.Yookiin immoo Inni samii olii bubbee cirracha qabu isin irratti erguu ni amantuu? Akeekkachiisni Kiyya akkam akka ta'e beekuuf jirtu
١٩.Sila gara simbirroota gubbaa isaaniitti koola (qoochoo) isaanii babal'isanii walitti dachaasanii hin ilaalanuu? Rahmaaniin malee homtuu isaan hin qabuDhugumatti, Inni waan hunda argaadha
٢٠.Sila inni Rahmaaniin alatti humna waraanaa keessan ta'ee isin tumsuu danda'u eenyuma? Kaafiroonni gowwummaa keessa malee hin jiranu
٢١.Odoo Inni soorata Isaa qabee, inni isin sooru eenyuma? Dhugumatti, isaan diddaafi (haqa) irraa baqachuu itti fufaniiru
٢٢.Sila nama fuula isaa irratti gonbifamee deemu moo isa dhaabbatee karaa qajeelaa irra deemutu caalaa qajeelaa dha
٢٣.Jedhi: "Inni Isa isin uumee dhageettii, agartuufi onnee isiniif godheedha; hangi isin galatoomfattan waa xiqqaate
٢٧.Yeroma dhihoo ta'ee isa (beellamicha) argan fuulli warra kafaranii fokkatte"Inni kun isa waammataa turtanii dha" jedhame
٢٨.Mee naaf himaa! yoo Rabbiin anaafi nama ana wajjin jiru balleesse yookiin rahmata nuuf godhe, namni kaafiroota adabbii laalessaa irraa baraaru eenyu?" jedhi
٢٩.Inni RahmaaniIsatti amanne; Isa irrattis hirkanneNamni jallina ifa ta'e keessa jiru eenyu akka ta'e beekuuf jirtu" jedhiin
٣٠.Jedhi: "Mee naaf himaa! odoo bishaan keessan dachii keessa gadi lixaa ta'ee namni bishaan yaa'u isiniif fidu eenyu