غالي آبابور آباغونا · Afaan Oromoo

١.Dhugumatti Rabbiin jecha ishee waa'ee abbaa manaa ishee keessatti siin wal –falmituufi gara Rabbiitti himannaa dhiyeeffattuu dhaga'eeraRabbiinis falmii keessan lamaan ni dhaga'aDhugumatti Rabbiin dhagayaa, argaadha
٢٢.Ummata Rabbiifi Guyyaa Aakhiraatti amananu, namoota Rabbiifi ergamaa Isaa morman odoma abbootii isaanii, yookiin ilmaan isaanii, yookiin obboleeyyan isaanii, yookiin firoota isaanii ta'anillee, kan (isaan keessaan) jaallatanu hin argituIsaan sana (Rabbiin) onnee isaanii keessatti iimaana barreessee jira; tumsa Isa irraa ta'eenis isaan jabeesseeraJannatoota laggeen ishee jala yaatus achi keessaatti hafoo haala ta'aniin isaan seensisaRabbiin isaan irraa jaallateera; isaanis Isa irraa jaalataniiruIsaan garee RabbiitiDhagayaa! Dhugumatti, cifraan (gareen) Rabbii isaantu milkaawoodha