٣.(Yaa Muhammad!) Ati Mu’uminoota ta’uu dhabuu isaaniitiif [gaddaan] lubbuu kee baasuun siif sodaatama
٤.Odoo feenee samii irraa mallattoo isaan irratti buufnee (isheedhaaf ajajamuun) mormi isaanii isheedhaaf gadi jedhaa taati ture
٥.Isaan kan sobsiisan ta’anii malee gorsi (kitaabni) haaraan Rahmaan irraa isaaniif kan dhufu hin taane
٦.Dhugumatti isaan [Qur’aana kana] sobsiisaniiruOduun waan isaan itti qishnaa (qoosaa) turanii isaanitti dhufuuf jira
٧.Sila gara Dachii akka nuti gosoota gaggaarii hunda irraa meeqaatama ishee keessatti biqilchine isaan hin ilaallee
١٣.[Yoo na sobsiisan] qomti kiyyas ni dhiphataArrabni kiyyas hin diriiruKanaafuu gara Haaruunitti ergi
١٥.[Rabbiinis] ni jedhe: “lakki! (si hin ajjeesanu)Isin lamaan mallattoolee keenyaan deemaaDhugumatti, Nuti isinii waliin dhageeffatoota.”
١٨.[Fir’awnis] ni jedhe: “sila nuti mucaa xiqqaa taatee of biratti si hin guddifnee? Umrii kee irraas waggoota baay’ee nu keessa hin turree
١٩.Dalagaa kee ishee dalagde (ajjeechaa raawwatte) sanas hin hojjannee? Ati gantoota irraahi” [jedhe]
٢١.Yeroman isin sodaadhun isin irraa dheesse; Gooftaan kiyyas beekumsa naaf kennee ergamtoota irraa na godhe
٢٤.[Muusaanis]: “gooftaa Samii, Dachiifi waan gidduu isaan lamaaniiti; yoo kan dhugoomsitan taatan [itti amanaa]” jedheen
٢٨.[Muusaan] “Gooftaa Bahaa, Dhihaafi waan gidduu isaan lamaanii jiruuti; yoo kan hubattan taataniif [itti amanaa]” jedhe
٢٩.[Fir’awn] “dhugumatti, yoo ati ana malee gabbaramaa biraa godhatte, hidhamtoota irraan si taasisa” jedhe
٣٤.[Fir’awn] qondaaltota naanna’a isaa jiraniin “dhugumatti, kun saahiree (falfalaa) akkaan beekaadha” jedhe
٤١.Falfaltoonni yeroma dhufan, Fir’awniin “Sila dhugumatti yoo nuti mo’attoota taaneef mindaan nuuf jiraa? ” jedhan
٤٤.Haadaafi uleewwan isaanii ni darban; “Jabeenya Fir’awniin! Nuti dhugumatti nutu injifattoota” jedhan
٤٩.[Fir’awnis] ni jedhe: “Odoo ani isiniif hin eeyyamin isatti amantanii? Dhugumatti, inni hayyuu keessan kan sihrii isin barsiiseedhaFuuldurattis [waan ta’u] beekuuf jirtuDhugumatti, ani Harka keessaniifi Luka keessan wal-faallessuudhaan isin irraan mummuraDhugumatti hunduma keessan isinin fannisa.”
٥١.Dhugumatti, nuti warra jalqaba amanan ta’uudhaan Rabbiin keenya badii keenya nuuf araaramuu ni kajeella .”
٥٢.Gara Muusaattis “halkaniin gabroota kiyyaan deemi (baqadhu) dhugumatti isin [diinota keessaniin] hordofamoodha” jechuun wahyii goone
٦١.Yeroma gareen lamaan wal argan, gareen Muusaa “nuti dhugumatti [garee Fir’awniin] dhaqqabamoodha” jedhan
٦٢.[Muusaan] ni jedhe: “lakkisaa! Dhugumatti, Gooftaan kiyya na wajjin jiraInni [furmaatatti] na qajeelcha.”
٦٣.Gara Muusaatti “ulee keetiin galaana rukuti” jechuun wahyii goone[Yeroma inni dhahu] qoqqoodamee Kutaan qoodama isaa hunduu akka gaara guddaa ta’e
١٠٩.Ani isa (waamicha kana) irratti mindaa tokkollee isin hin gaafadhu; Mindaan kiyya Gooftaa aalama hundaa irratti malee hin taane
١١٦.[Isaan] ni jedhan: “Yaa Nuuh! [waan jettu irraa] yoo dhorgamuu baatte, warra dhakaan cafaqaman irraa taata.”
١١٨.Ati gidduu kiyyaafi gidduu isaaniitti murtii [haqaa] murteessiAnaafi Mu’uminoota irraa nama na waliin ta’anis baraarsi.”
١٢٧.Ani isa (waamicha kana) irratti mindaa tokkollee isin hin gaafadhu; mindaan kiyya Gooftaa aalama hundaa irratti malee hin taane
١٢٨.Sila isin kan [nama tarutti] qishintanu taatanii iddoo ol fuudhamaa hunda irratti [gamoo] mallattoo ijaartuu
١٣٦.[Ummanni Huud] ni jedhan: “Yoo nu gorsites yoo warra gorsan irraa ta’uu baattes nurratti waluma qixa
١٣٩.Isa sobsiisanii Nutis isaan balleessineDhugumatti, kana keessa mallattootu jiraGaruu irra hedduun isaanii mu’uminoota hin taane
١٤٥.Ani isa (waamicha kana) irratti mindaa tokkollee isin hin gaafadhu; Mindaan kiyya Gooftaa aalama hundaa irra malee hin taane
١٥٤.Ati namuma akka keenyaati malee waan biraatii mitiWarra dhugaa dubbatan irraa yoo taate mallattoo fidi.”
١٥٥.[Saalihis] ni jedhe: “Isheen kun Gaala; isheef carraa dhugaatiitu jira; Isiniifis carraa dhugaatii guyyaa beekamaa ta’eetu jira
١٥٨.Adabbichis isaan qabateDhugumatti, kana keessa mallattootu jiraIrra hedduun isaanii Mu’uminoota hin taane
١٦٤.Ani isa (waamicha kana) irratti mindaa tokkollee isin hin gaafadhuMindaan kiyya Gooftaa aalama hundaa irra malee hin taane
١٦٦.Waan Gooftaan keessan haadhotii manaa keessan irraa isiniif uumes ni dhiiftuu? Dhugumatti isin ummata daangaa dabritoota” [jedhe]
١٦٧.[Isaan] ni jedhan: “Yaa Luux! Yoo [waan jettu irraa] hin dhorgamin, dhugumatti warra [biyyarraa] baafaman irraa taata.”
١٨٠.Ani isa (waamicha kana) irratti mindaa tokkollee isin hin gaafadhuMindaan kiyya Gooftaa aalama hundaa irra malee hin taane
١٨٣.Namoota wantoota isaanii irraa hin hir’isinaa; badii hojjattoota taataniis dechii keessa badiin hin deeminaa
١٨٩.Isa sobsiisanAdabbiin guyyaa gaaddisaa (duumessa gurraachaa) isaan qabateDhugumatti, inni adabbii guyyaa guddaa ta’eera
٢٢٧.Warra amananiifi gaggaarii hojjatan, kan baay’inaan Rabbiin faarsan, erga miidhamanii booda [walaloodhaan] of irraa deebisan [harka kaffalatan] malee[Isaan hin komatanu]Isaan miidhaa dalaganis [eega du’anii booda] deebifama akkamii akka deebifaman beekuuf jiru