٦.Haadha manaa isaanii yookiin waan mirgi isaanii dhuunfatte irratti maleeDhugumatti, isaan komatamoo miti
١٣.Sana booda coba bishaan saalaa kan iddoo tasgabbaa’aa, mijaa'aa (gadaamessa) keessatti isa taasifne
١٤.Sana booda bishaan saalaa dhiiga ititaa taasifne; ergasii dhiiga ititaa muraa foonii taasifne; ergasii foonittii (sana) lafee taasifne; ergasii lafees foon itti uffifne; sana booda uumama biraa (daa’ima) isa gooneRabbiin irra tolchaa uumtotaa ta’e qulqullaa’e
١٧.Ammas dhugumatti, Nuti gubbaa keessanitti samii torba uumnee jirraNuti uumuu irraa kan dagannu hin taane
١٨.Samii irraas bishaan (rooba) hanga barbaachisaa ta’een buufnee ergasii dachii keessa isa kuufneDhugumatti, Nuti isa deemsisuu irrattis danda’oodha
١٩.Isa saniin iddoowwan ashaakiltii kan mukkeen timiraafi inabaa kan isaan keessa isiniif fuduraaleen heddu jiraniifi isinis ishee irraa nyaattan isiniif magarsine
٢٠.Muka gaara Xuuru siinaa irraa baatu (margitu), kan dhadhaa dibatamu biqilchituufi warra nyaataniifis ittoo taatus (isiniif uumne)
٢١.Dhugumatti, isiniif beyladoota keessa waan xiinxaltantu jiraWaan garaa isaanii keessa jiru irraas (aannan) isin obaafnaAmmas isiniif isaan keessa bu’aalee (biraa) baay’eetu jiraIsaan irraas ni nyaattu
٢٣.Dhugumatti, Nuti Nuuhiin gara ummata isaa erginee jirraInnis ni jedhe: “Yaa ummata kiyya! Allaah gabbaraaIsa malee gabbaramaan biraa isiniif hin jiruSila isin (Allaah) hin sodaattanii?”
٢٤.Qondaaltonni ummata isaa irraa kafaran ni jedhan: “Kun namuma akka keessaniiti malee waan biraa hin taaneIsin irra of caalchisuu fedhaRabbiin odoo fedhee silaa maleykota buusa tureWaan kana nuti abbootii keenya durii keessattis hin dhageenye
٢٧.Nuti (akkana jechuun): gara isaatti wahyii goone: “Ilaalchaafi ajaja keenyaan doonii hojjadhuYeroo ajajni keenya dhufee, badaa ibiddaa (jalaan bishaan) madde, waan hunda irraa gosoota lama lama (kormaafi dhalaa) ishee (doonii san) keessa seensisiMaatii keetis (seensisi) nama isaan irraa jechi (adabbiin) keenya duraan irratti dabre maleeWaa’ee warra miidhaa hojjatanii keessatti homaa ana hin gaafatinDhugumatti, isaan bishaaniin nyaatamoodha
٢٨.Yeroo atiifi namoonni si waliin jiran doonii gubbaa baatan “Faaruun kan Rabbii Isa namoota miidhaa hojjatan irraa nu baraarseeti” jedhi
٣٠.Dhugumatti, (adaba ummata Nuuh) kana keessa mallattooleetu jira; Nuti dhugumatti (ummata Nuuhii) qormaatoo taanee jirra
٣٢.Isaan keessatti ergamaa isaan irraa ta’e erginee “Rabbiin gabbaraa; Isa malee Gooftaan biraa isiniif hin jiruSila isin (Allaah) hin sodaattanuu?” (jenne)
٣٣.Ummata isaa kanneen kafaran, kan qunnamtii Aakhiraa sobsiisaniifi jireenya addunyaa keessatti Nuti isaan garmalee duroomsine irraa qondaalonni ni jedhan: “Kun namuma akka keessaniiti malee waan biraatii mitiWaan isin nyaattan irraa nyaata; waan isin dhugdan irraas dhuga
٣٥.Sila isin erga duutanii biyyeefi lafee taatanii booda deebitanii (qabrii keessaa) baafamtu (jedhee) isin baallamaa
٣٧.Isheen jireenya keenya addunyaa malee kan biraatii mitiNuti ni duuna; ni jiraannasNuti kaafamoo miti
٤١.Iyyi cimaan dhugaadhaan isaan qabatteYoosuu hoomacha isaan gooneUmmatoota miidhaa hojjattootaaf (rahmata Rabbii irraa) fageenyi haa ta’u
٤٤.Sana booda ergamtoota keenya walduraa duubaan ergineDhawaatuma ummata tokkotti ergamaan ishee dhufuun isa sobsiisuKanaafuu (badii keessatti) garii isaanii garii hordofsiifneOduu odeeffamu isaan taasifneNamoota hin amanneef fageenyi haa ta’u
٤٧.Ni jedhan: “Sila namoota lama kan nu fakkaataniifi ummanni isaanii nuuf gabbartoota ta'an isaaniif amannaa
٥٠.Ilma Maryamiifi haadha isaatis mallattoo taasifneIsaan lamaanuu gara iddoo ol fuudhamaa; tasgabbiifi burqituu isaan qubsiifnee jirra
٥١.Yaa ergamtoota (kiyya)! Wantoota gaggaarii irraa nyaadhaaDalagaalee gaggaariis hojjadhaaDhugumatti, Ani waan isin hojjattan akkaan beekaadha
٥٢.Isheen kun (Rabbii tokkicha gabbaruun) karaa tokko taatee amantii keessaniAnis Gooftaa keessanii ana sodaadhaa
٥٣.Amantii isaaniis gidduu isaanitti addaan cicciratanGareen hundinuu waan isaan bira jirutti gammadu
٦٠.Ammas warri waan kennan onneen isaanii sodaan guutamteefi dhugumaan (qormaataaf) gara Gooftaa isaanii akka deebi’an amanaa kennan
٦٢.Nuti nama tokkos dandeettii isaatiin ala isa hin dirqisiifnuNu bira kitaaba dhugaa dubbatutu jiraIsaanis hin miidhamanu
٦٣.Dhugumatti onneen isaanii (Qur’aana) kana irraa haguuggaa keessa jirtiIsaaniif kana malees dalagaalee (gadhee) biraa kan isaan hojjatantu jira
٦٤.Yeroma Nuti isaan irraa warra jireenya qananii daangaa dabre keessa jiraachaa turan adabaan qabnu, yeroma san isaan (deeggarsa kadhaaf) sagalee ol fuudhanii iyyu
٦٦.Dhugumatti, keeyyattoonni kiyya isin irratti dubbifamaa turaniiti, isin duubatti irraa deebi’aa turtan
٦٨.Sila jecha (Rabbii) hin xiinxalanuu? Moo waan abbootii isaanii kan jalqabaatti hin dhufintu isaanitti dhufe
٧٠.“Moo maraatummaatu isatti jira” jedhu? Lakkii; odoo irra baay’een isaanii dhugaa jibbanuu inni dhugaan isaanitti dhufe
٧١.Odoo dhugaan fedha lubbuu isaanii hordofee, silaa samii, dachiifi wantoonni isaan keessa jiranis ni badu turanInumaayyuu; nuti Qur'aana kabajaan isaanii keessa jiru isaaniif kennineeti, isaan kabajaa isaanii irraa garagalu
٧٢.Moo gatii akka siif kafalan isaan gaafatta? Gatii Gooftaa keetiitu caalaInnis irra caalaa warra kennaniiti
٧٥.Odoma rahmata isaaniif goonee, rakkoo isaan irra jirus irraa kaafnee, dhugumatti isaan dhama'anii jallina isaanii keessa jiraatu
٧٦.Dhugumatti, Nuti adabaan isaan qabnee jirraIsaan Gooftaa isaaniitiif gadi of hin qabne; Isattis hin watwaanne
٨٣.Dhugumatti, nuufi abbootiin keenyas kana dura kana waadaa galamnee jirraKun ogbarruu warra durii malee waan biraatii miti.”
٨٨.“Inni mootummaan waan hundaa harka Isaa jiru innis kan tiksu; isa irratti kan hin tikfamne, yoo kan bektan taatan eenyu?” jedhiin
٩١.Rabbiin ilma hin godhanneIsa waliinis gabbaramaan tokkoyyuu hin jiru(Odoo jiraatanii) silaa gabbaramaan hundi waan uumeen deemaGariin isaanii garii irratti ol ta’u turanRabbiin waan isaan itti fakkeessan (hunda) irraa qulqullaa’e
١٠٠.Ani waaniin dhiise keessatti gaarii hojjachuun kajeela.” Lakkii! Isheen kun jecha inni ishee jedhu (qofa)Hanga guyyaa kaafamaatti, isaan duuba cufaatu jira
١٠١.Yeroo garriin (xurumbaan) afuufame, guyyaa san firummaan gidduu isaanii hin jiru; walis hin gaafatan
١٠٣.Namni madaalli (hojii gaarii) isaa salphattes, isaan sun warra lubbuu isaanii hoongessanJahannam keessas yeroo hunda jiraatu
١٠٦.Isaanis ni jedhan: “(Yaa) Gooftaa keenya! Gogiinsa keenyatu nu injifate; nus ummata jallatoo taane
١٠٧.Gooftaa keenya! Ishee irraa nu baasiErgasii yoo itti deebine, dhugumatti nutu miidhaa hojjattoota.”
١٠٩.Dhugumatti, gareen gabroota kiyya irraa ta’e tokko “Gooftaa keenya! Amannee jirraKanaafuu nuuf araaramii, rahmataas nuuf godhiAti irra caalaa warra rahmata godhaniiti” jedhaa turaniiti
١١٠.Isinis hanga yaadannoo (faaruu) kiyya isin dagachiisanitti isaanitti qishnaa (baacaa) turtanIsaanittis kolfaa turtan
١١٦.Rabbiin mootii dhugaa ta’e, ol ta’eIsa malee Gooftaan biraa hin jiruInni Gooftaa Arshii kabajamaati
١١٧.Namni Rabbii wajjin odoo ragaa isa irratti hin qabne, gabbaramaa biraa kadhatu (gabbaru), qormaanni isaa Gooftaa isaa bira jiraDhugumatti, warri kaafaran hin milkaa’anu
١١٨.“Gooftaa kiyya! Naaf araarami, rahmatas (naaf) godhiAti irra caalaa warra rahmata godhaniiti” jedhi